Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan  27tti tajaajila kennaa jira

Amajjii 7/2018(ENA)-  Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan 27tti  tajaajilaa  kennaa  jiraachuu  Biiroon Koomunikeeshinii  Naannichaa  ibse. 
Mootummaan kenna tajaajila dhaabbileerratti komii hawaasarraa ka’aa ture hiikuuf hojiiwwan hedduu bu’aa qabeessa ta’an hojjechaa jiru keessaa Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo keessatti argama. 
 ‘Masoob’ Tajaajilli giddugala iddoo tokkoo  Magaalaa Finfinneetti  eegalame gara naannooleetti babal’atee  tajaajilawwan lafaa, Galii fi  kanneen biroon  wiirtuu tokkotti kennama jiraachuun ni beekama. 



Hogganaan Biiroo Koomunikeeshinii  Naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa turtii ENA waliin taassisaniin Naannichatti kenna tajaajiloota Mootummaa fooyyessuuf  xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. 
Naannichatti tajaajilli kun Magaalota Shaggar, Adaamaa,Bishooftuu Jimmaa  fi Shaashamanneetti eegalee yeroo ammaa  gara wiirtuuwwan  27tti babal’achuu  himaniiru. 
Tajaajilichi gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii deebisuu fi  hoj-maata badaa  hanbisuu waliin  wal qabatee  gaaffii yeroo dheeraa hawaasni kaasuuf  deebii ariifataa kennuuf   gargaaraa  jiraachuu ibsaniiru. 



Giduugalichi tajaajiloota hedduu  foddaa tokkoon kennuu danda’uusaa qofa osoo hin ta’iin  tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessati  dhimmasaanii akka  raawwatan   dandeessiseera jedhaniiru. 
Gara fuulduraatti sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti  ‘Masoob’ tajaajila giddugala iddoo tokkoo jiran gara kutaa magaalaatti gad-buusuun  xiyyeeffannoon akka hojjetamu    dubbataniiru. 
Naannichatti hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru  rakkoolee kenna tajaajilaa waliin walqabatan  hojiiwwan misoomaa  biroo waliin xiyyeeffannoo wal qixa kennuun  hojjecha jiraachuu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015