Itiyoophiyaan Ifa Tuurizimii Jijiirama waliin dhufeen Miidhagaa fi Misoomaa jirti - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Ifa Tuurizimii Jijiirama waliin dhufeen Miidhagaa fi Misoomaa jirti - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Amajjii 7/2018(ENA)- Itiyoophiyaan Ifa Tuurizimii Jijiirama waliin dhufeen Miidhagaa fi Misoomaa jirti jechuun ibsan itti aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa.
Seenaan yeroo dheeraa turizimii Itiyoophiyaan qabdu hamma qabeenya isheen qabdu, miidhaginnni uumamaa ishee hamma himamuuf qabdu kan hin ibsamne ta’uu dubbataniiru.
Waggoottan jijiiramaa darban damee Turizimiin jijiiramoonni argaman rakkoo baroota dheeraa bu’uurarraa jijiiruun misooma Turiizimii haaraa kan ijaaredha jechuun ibsaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa Tuurizimii akka bu’uura Diinagdee tokkootti fudhachuun dhimmuun hojjeteera.
Bu’aa dinqisiisaa kanaaf Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad damicha mul’ata fagoon ilaalanii, yaadama turizimiif jiru sirreessuurraa eegalee hoggansa biyyaa fi dhaloota gidduugaleeffate kennuun hojiin hojjetan milkaa’inichaaf balbala kan banedha jedhaniiru.
Yeroo ammaa damee Turizimiin milkaa’inoota argaa jirru akka ifa guyyaatti kan lakkaa’amudha jedhaniiru.