Yunivarsiitichi barnoota idileetiin dabalatatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate kennuun eebbifamtootaaf carraa hojii babal’isuuf hojjechaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yunivarsiitichi barnoota idileetiin dabalatatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate kennuun eebbifamtootaaf carraa hojii babal’isuuf hojjechaa jira
Amajjii 7/2018(ENA) -Ynivarsiitiin Madda Walaabuu barnoota idileetiin dabalatatti leenjii hojii irratti xiyyeeffate kennuudhaan filmaatawwan hojii eebbifamtootaaf babal’isuuf hojjechaa jiraachuu ibse.
Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa doktar Birhaanemasqal Xannaa akka ibsanitti, Yunivarsiitichi humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuu kaayyoo taasifatee hojjechaa jira.
Yunivarsiitichi barnoota idilee kennuun dabalatatti eebbifamtoonni leenjii qabatamaa hojii uumuu fi ogummaa daldalaatiin kennamuudhaan addunyaa hojii irratti akka milkaa’aniif kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Yunivarsiitichi bara kana barattoota eebbifamtoota 250 ta’aniif leenjii ogummaa hojii kalaquu, karoora biizinasii qopheessuu fi filmatawwan naannoo fi hudhaalee jiran adda baasuu irratti xiyyeeffate akka argatan taasiseera.
Pirezidaantichi eebbifamtoonni leenjii fudhatanitti fayyadamuun harka namaa eeguu irraa bilisa bahanii miira hojii uummachuu akka guddifatan gorsaniiru.
Barattoonni eebbifamtootaa leenjii fudhatan gama isaaniin, ilaalcha qacaramuu keessatti qofa daangeffamee ture carraa kan bal’ise ta’uu ibsan.
Barattoota barnoota Manajimantiin eebbifaman keessaa eebbifamtuu Liinaa Wayyuu yaada kenniteen, kanaan dura ilaalcha qacaramuun akka waan guddaatti ilaalaa akka turte yaadachiifteetti.
Yunivarsiitichi barnoota idileetiin dabalatatti, hojii uumuu irratti leenjiin hojii irratti xiyyeeffate, yaada qacaramuu keessaa bahuun filmaata naannoo isaanii jiran qorachuuf akka isaan gargaaru dubbatteetti.
Barataan Abdurroo Kiniisoo leenjiin kun beekumsa yeroo Yunivarsiiticha keessa turetti argate hojiitti hiikuun hojii daldalaa mataa isaa uumuuf carraa guddaa akka ta’u dubbata.
Keessumaa karoora biizinasii qopheessuu irratti leenjiin fudhate qabatamaan akka isa gargaaru himeera.
Barattuun biroo kutaa barnoota Manaajimantii Eeden Bagaashawuu gama isheen, leenjiin fudhatte hojii uummachuuf kaka’umsa akka horeef dubbatteetti.
Turtii Yunivarsiitiin argattetti fayyadamuun akkasumas leenjii argatteen waan naannoo jiruun hojii uummachuun gara hojiitti seenuun akka danda’amu hubatteetti.
Barataan eebbifamaan Yunivarsiitichaa kan biraa Abeel Tasamma gama isaan, beekumsaa fi dandeettii yeroo barnootaa argate carraa gaarii naannoo isaa jiru waliin walitti fiduun, hiriyyoota isaa waliin gurmaa’uudhaan hojiitti seenuuf xiinsammuudhaan kan of qopheessee ta’uu ibseera.
Leenjiin kun ilaalcha keenya kan hojii qacaramuu qofa irratti daangeffame kan bal’isee fi filannoowwan hojii biroo qorachuuf carraa nuuf uumeera kan jedhe immoo barataa kutaa Qo’annoo Gaazexeessummaa fi Komunikeeshinii Dastaa Dabalaati.
Leenjiin hojiirratti xiyyeeffate kun yaada hojii uummachuu (dhaweessuu), akkaataa karoora wixinee yaadaa qopheessanii fi qorannoo gabaa irratti beekumsa dabalataa akka argannuu fi xiinsammuun akka of qopheessinuuf nu gargaaree jedhe.