Tamsaasa Kallatti:

Mariin paanaalii mata duree “Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira

Amajji 7/2018 (ENA)- Mariin paanaalii tumsa ENA fi Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraan waliin qophaa’e mata duree “Nagaa itti fufsiisuu; kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun magaalaa Baahir Daaritti gaggeeffamaa jira.


 

Waltajjicharratti pirezidaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa, Dura Taa’aan Koree Dhaabataa Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Iwunatee Allanee, Hojii Gaggeessaa Olaanaa ENA Saayifee Darribee fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Marichaan, barreeffamni Marii biyyaalessaa fi ijaarsi nageenyaa, hojiiwwan nageenyaa fi tasgabbii naannchatti hojjetamanii fi fooyya’insa jiran irratti xiyyeeffate dhiyaatee mariin irratti ni gaggeeffama.

Akkasumas, Mootummaa Naannoo Amaaraa misoomsuuf abdiiwwan jiran, fayyadamummaa uummataa, qabeenya uumamaa naannichaa fi filmaatawwan invastimantii irratti barreeffamni dhiyaatee irratti akka mari’atamu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015