Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa haala ho’aan akka kabajamuuf haala qindoomina qabuun gahee keenya bahachuuf qophoofneerra- Dargaggoota tola oolan - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa haala ho’aan akka kabajamuuf haala qindoomina qabuun gahee keenya bahachuuf qophoofneerra- Dargaggoota tola oolan
Amajji 7/2018(ENA) - Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa haala ho’aan akka kabajamuuf haala qindoomina qabuun gahee isaanii bahachuuf kan qophaa’an ta’uu dargaggoonni tola ooltotaa magaalattii ibsani.
Itiyoophiyaatti ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa Dilbataa fi Wiixata dhufuu taateewwan amantaa gara garaan miidhagee kabajama. Ayyaanicha irrattis daawwattoonni biyya alaa fi uummanni hedduun irratti hirmaatu.
Magaalaan Finfinnee ayyaanichi bakkeewwan itti kabajamu keessaa tokko yoo taatu,magaalichatti misooma koriidaraa hojjetamee fi bakkeewwan hawwata turizimii miidhagfaman kunniin immoo miidhagina addaa ayyaanichaaf kan kennan ta’u jedhamee eegama.
Dhima kana irratti ENAn dargaggoota tola ooltotaa dubbiseen akka jedhainitti ayyaanichi miidhagina magaalittii waliin akka miidhagee kabajamuuf tajaajila barbaachisaa kennuuf qophii taasisaa jiru.
Tola ooltuun Salaam Balaayinaa jedhamtu,ayyaana kana kabajuuf uummannii fi turistoonni biyya keessaa hedduumminaan waan irratti argamaniif gahee lammummaa koo nan bahadha jetteetti.
Misoomni koriidaraa uummata ayyaanicha kabajuufi turistoota daawwannaaf dhufaniif haala mijataa uumuun naannoo qulqulluu fi miidhagaa ta’e akka daawwatan gargaara jetteetti.
Wayita ayyaanichi kabajamus hawaasni ayyaana kabajuuf bahe nageenya misooma haala eeguun akka ayyaana kabajaniif gahee ishee akka baatu ibsiteetti.
Wagga waggaan ayyaanota uummataa adda baahahiitti kabajaman qindeessuun irratti kan hirmaatan dargaggoota tola ooltotaa Faasil Gullilaatii fi Ziyaad Shariif dha. Baranas akkuma kanaan duraa gahee keenya ni bahannaan dhaamaniiru.
Misoomni koriidaraa ayyaana Cuuphaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa,Saayinsii fi Aadaa( UNESCO) tti galmaa’e kana miidhagina dabalataa kennaafii jedhani.
Qabeenyi kunniin eegamanii akka tursiifamaniif gahee isaanii akka bahatan ibsaniiru.
Pireezidaantiin Waldaa Dargaggoota magaalaa Finfinee Barakat Birbirsaa gama isaaniin, magaalichatti uummanni hedduun kan irratti hirmaatu ayyaanonni amantaa fi uummataa kan adda baabahiitti kabajamu haala milkaa’een akka kabajamee xumuramuuf dargaggoonni tola ooltotaa gahee olaanaa bahachaa turaniiru jedhani.
Ayyaanni Kataraa fi Cuuphaa ayyaana amantaa fi aadaa isaa eeggateen haala ho’aan akka kabajamuuf dargaggoonni tola ooltonni gahee isaanii akka bahataniif hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.