Godina Gujiitti midhaan rooba Gannaan misoome kuntaalli miiliyoona 8 tuqaa 4 ol walitti qabame - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti midhaan rooba Gannaan misoome kuntaalli miiliyoona 8 tuqaa 4 ol walitti qabame
Amajji 7/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hanga ammaatti midhaan rooba Gannaan misoome kuntaala miiliyoona 8 tuqaa 4 ol walitti qabamuu isaa Waajjirri Qonna godinichaa beeksiseera.
Waajjirichatti dursaan garee karooraa fi gamaaggamaa obbo Jaalataa Tasammaa godinicha keessatti rooba Gannaa darbeen lafti heektaara kuma 498 ol midhaan adda addaatiin misoomuu isaa yaadachiisaniiru.
Misooma kanarraa midhaan kuntaala miliyoona 10 ol galchuuf karoorfamee hojjetamaa turuu eeraniiru.
Midhaan gahe deeggarsa teeknooloojii ammayyaa fi humna namaatiin walitti qabame kuntaala miliyoona 8 fi kuma 460 ta’uu himaniiru.
Midhaan walitti qabame keessaa qamadii, xaafii, garbuu, boqqolloo, baaqelaa,boloqqee fi saalixii warreen ijoo ta’an dha jedhan.
Hojimaata qonnaa fooyya’aan fayyadamuun bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu oomishni baranaa akka dabalu taasiseera jedhan.
Akkasumas, oyiruu qonnaa heektaara kuma 347 ol ta’u gargaarsa tiraaktaraan qotamee sararaan kilaastaraan facaafamuu fi galteewwan oomishaa sirnaan dhiyaachuu ibsaniiru.