Turtiin Ayishowu Spiid Itiyoophiyaatti taasise ijji namoota addunyaa miiliyoonaan lakkaa’amanii Finfinnee akka ilaalu taasiseera-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Turtiin Ayishowu Spiid Itiyoophiyaatti taasise ijji namoota addunyaa miiliyoonaan lakkaa’amanii Finfinnee akka ilaalu taasiseera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Amajjii 7/2018 (ENA)- Daawwannaan Yuutiibara beekamaa Ayishowu Spiid Itiyoophiyaatti taasise ijji namoota addunyaa miiliyoonaan lakkaa’amanii Finfinnee akka ilaalu taasisuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Daawwannaan kun aadaa durii fi kabajamaa magaalaan keenya simannaaf qabduu fi qulqullinaa fi miidhagina magaalaa keenyaa addunyaaf kan mul’ise sagantaa bu’a qabeessadha jechuun ibsan kantiibaa Adaanech.
Bifa Itiyoophiyaa sirrii ta’e hawaasa addunyaaf beeksisuuf carraa guddaa uumeera kan jedhan kantiibaa Adaanech, fuulduras namoota hedduu gara biyya keenyaatti akka hawatu amantaa qaban ibsaniiru.
Taateen kun amma ammaattis ajandaa ta’ee itti fufuusaa itti fufuusaa ibsanii, sagantaa kana kan qindeessan dargaggoota biyya jaalatanii fi dhiibbaa uumuu danda’an, dhaabbilee federaalaa fi dhaabbilee mootummaa fi mit-mootummaa Finfinnee galateeffataniiru.
Keessumaa ministeerri turizimii, komishinii turizimii magaalaa Finfinnee, biiroo komunikeeshinii magaalaa Finfinnee, intarteeyimantii Yissaaqaalii fi qooda fudhattoota biroo qindoomina agarsiisaniif dinqisiifataniiru.