Mootummaan Industiriiwwan Omishaaf xiyyeeffannoo kenneen humni omisha Industiriiwwanii fi dandeettiin dorgomuu isaanii guddachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Industiriiwwan Omishaaf xiyyeeffannoo kenneen humni omisha Industiriiwwanii fi dandeettiin dorgomuu isaanii guddachaa jira
Amajjii 7/2018(ENA)-Haala Mijataa Industiriiwwan Omishaaf uumuun humna omishaa guddisuurratti bu’aan qabatamaan galmaa’uusaa Ministirri Industirii Malaakuu Allabal ibsan.
Ministirichi haala sochii hojii Zoonii Dinagdee Addaa Idil -Addunyaa Huwaajiiyaan yeroo daawwatan akka ibsanitti, Industiriiwwan omishaaf haala mijataa uumuun cimee ittifufa.
Humna omishaa industiriiwwan omishaa guddisuunii fi Industiriiwwan haarawwan gara hojiitti akka galaniif haalli mijataan uumamaa jira jedhaniiru.
Hojiin Fedhii dhiheessii humnaa Idustirotaa guutuu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, kunis Invastimantii damichaan jiru dabalaa akka dhufu dandeessisuu ibsaniiru.
Mootummaan xiyyeeffannoo Industiriiwwan omishaaf kenneen sharafa alaa damicharraa argamu guddachaa akka dhufu dandeessisuu hubachiisaniiru.
Fakkeenyaaf, Paarkii Industirii Hawaasaatti omisha soolaariirratti gara hojiitti kan gale dhaabbanni Omisha Teekinoolojii Soolaarii Tooyoo baatiiwwan ja’an darban sharafa Alaa guddaa argamsiisuu ibsaniiru.
Zooniin Dinagdee Addaa Huwaajiiyaan omishawwan teekinooloojii gara Alaatti erguuf yaalii omisha eegaluun tarkaanfii guddaa ta’uu eeraniiru.
Daawwannaan har’aa Zooniin Diinagdee addaa caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’uuf kallattii kaa’uuf kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.