Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Harariitti misoomni jallisii kuduraa fi muduraa fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi jiraattota magaalaa guddiseera

Amajji 7/2018(ENA)- Naannoo Harariitti misoomni kuduraa fi muduraa fayyadamummaa qonnaan bultootaa fi jiraattota magaalaa guddisaa jiraachuu itti aantuun bulchaa naannichaa fi hoggantuun biiroo Qonnaa Roozaa Umar ibsani.

Akka aadde Roozaa Umar jedhanitti, lafa xiqqaa naannichaa fi filannoowwan bishaanii fayyadamuun misooma jallisii kuduraafi muduraa oomishamaniin qonnaan bultootaafi jiraattonni fayyadamoo ta'aa jiru.


 

Misooma jallisii kanaaf sanyiin filatamaa qonnaan bultootaaf kennamuu eeruun, haalli oomisha isaas mala tekinooloojii ammayyaa fayyadamuuniifi qonnaan bultootaaf leenjiin kennamuu himani.

Qonnaan bultoonni misooma jallisii irratti hirmaatan galii ofii guddisuun dabalatatti,jiraattota magaalaaf gatii madaalawaan dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jiru jedhan.

Qonnaan bultoonni misooma jallisii kana waggaatti yeroo sadii kan oomishan ta'uu eeruun,deeggarsi biroos taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bona baranaatti lafa heektaara kuma 4fi 851 irratti misoomni jallisii kuduraa fi muduraa oomishamaa jiraachuu kan himani immoo biirichatti daarektara eksiteekshinii qonnaa kan ta'an obbo Mahaammad Reediwaani dha.


 

Hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 3 ol sanyiin kan uwwifame misoomaa jiraachuu eeruun, gara fuura duraatti misoomni hafe cimee itti fufa jedhaniiru.

Qonnaan bulaan Mahaammad Abdullee boqqolloo waktii Gannaa oomishan sassaabbatanii amma kuduraa oomishaa fayyadamaa ta'aa jiraachuu himani.


 

Gorsa Ogeessonni Qonnaa nuuf kennan haala gaariin fayyadamuun jireenya keenya fooyyeffachaa jirra kan jedhan immoo qonnaan bulaa Ibraahiim Abdullaahiidha.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015