Tapha Xumura Walakkaa Waancaa Kaaraabaa’oon Arsenaal Cheelsii injifate - ENA Afaan Oromoo
Tapha Xumura Walakkaa Waancaa Kaaraabaa’oon Arsenaal Cheelsii injifate
Amajjii 7/2018(ENA)- Sagantaa Tapha Xumura Walakkaa Waancaa Kaaraabaa’oon Arsenaal Cheelsii 3 fi 2n mo’ateera.
Tapha galgala Istaadiyeemii Istaamfoordi Biriijitti gaggeeffameen Beenwaayit, Viiktorii Yookoreeshii fi Martiin Zubimeendi galchii injifannoo lakkoofsisaniiru.
Alihandiroo Garnaachee galchii Cheelsii lakkoofsiseera.
Taphichaan Arsenaal carraa galchii dabalataa lakkoofsisuu argatee itti hin fayyadamne.
Leenjisaa haaraan Cheelsii Liyaam Rosinaayer tapha jalqabaan mo’ameera.
Taphataan sarara Fuulduraa Arsenaal Viiktor Yookoreesh taphataa cimaa ta’ee filatameera.
Taphni deebii kilaboota lamaanii Amajjii 26 bara 2018 gaggeeffama.
Tapha Xumura Walakkaa Waancaa Kaaraabaa’oo Kaleessa gaggeeffame biroon Maanchistar Siitiin Niwuukaastil Yuunaayitidiin 2 fi 0n injifateera.
Taphni deebii Amajjii 27 bara 2018 gaggeeffama.