Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera

Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse.

Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera.

Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera.

Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru.

Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru.

Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru.

Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru.

Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera.

Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru.

Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru.

Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015