Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif dhoksaan erge to’atamani. - ENA Afaan Oromoo
Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif dhoksaan erge to’atamani.
Amajjii 6/2018 (ENA) – Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa baandota keessaa fi diinota seenaa waliin ta’uun nageenya biyyattii booressuuf shiftoota maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuuf dhoksaan erge to’achuu Poolisiin Federaalaa ibseera.
Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun rasaasawwan kanneen shakkamtoota lama waliin buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’achuu beeksiseera.
Qorannoo sadarkaa jalqabaa shakkamtoota kanneen irratti gaggeeffameen rasaasonni kunneen mootummaa Shaabiyaa irraa ergamuufi gareen Finxaaleyyii ABUT naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetii fuudhee gara naannoo Amaaraa Shawaaroobiit galchuun shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif geessuuf socho’aa akka turan mirkanaa’eera.
Gareen Finxaaleyyii mootummaa Shaabiyaaf riqicha ta’ee tajaajilaa jiru ABUT garee shiftootaa maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuun nageenya biyya keenyaa booressuuf karoorsee rasaasa Kilaashii kuma 41 fi 999, rasaasa Bireenii kuma 14 fi rasaasa Diishqaa 800 waliigalaan rasaasa kuma 56 fi 799 dhoksaan Eertiraarraa karaa agaalaa Maqaleen konkolaataa fe’umsaa ‘Isuzu’ koodii 3 A.A B94744n simmintoofi bilookkeettii fakkeessuun fe’ee naannoo Amaaraa Waldiyaarraan gara Shawaaroobiititti osoo imalaaa jiranii buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’atameera.
Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo wajjin qindoomuun hordoffii fi sakatta'insa cimaa taasiseen rasaasota kanneen Amajjii 5 bara 2018 shakkamtoota lama waliin to’achuun qorannoo irratti gaggeessaa jira.
Baandonnii fi diinonni qindaa’anii nageenyaa fi tasgabbii biyyattii booressuuf akkasumas misoomaa fi guddina biyyattii danquuf yeroo garaagaraatti yeroo socho’an to’annoo jala ooluun kan yaadatamudha.
Yeroo ammaa kanas humnoonni diinotaa kunneen biyyattii irratti miidhaa qaqqbasiisuuf socho’aa waan jiraniif humni nageenyaa oppireeshinii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu fi hawaasnis humna nageenyaa tumsuun deeggarsa akka taasisu Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeesseera.