Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan xiyyeeffannoo oomisha industiriif kenneen dandeettiin oomishtummaa fi dorgomtummaa industirii guddateera

Amajji 6/2018(ENA) -Oomisha industiriif haala mijataa uumameen dandeettiin oomishuu isaanii haala qabatamaan bu'aa argamsiisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Industirii Malaakuu Alleebal ibsani.


 

Ministirri kun daawwannaa Zoonii Diinagdee Addaa Industirii Salphaa Idil-addunyaa Huwaajiyaanitti taasisaniin hojiin industirii oomishaaf haala mijataa uumuu cimee itti fufuu ibsaniiru.
Oomishtoota industirii dandeettii oomishtummaa isaanii guddisuunii fi industiriiwwan haaraa gara hojiitti akka galaniif haalli mijataa uumameeraafii jedhani. 

Fedhii dhiyeessii humna elektiriikaa industiriiwwan guutuun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, kunis invastimantiin damichaa akka dabalu taasiseera jedhaniiru.
 Mootummaan xiyyeeffannoo damee oomisha industiriif kenneen sharafni alaa damicharraa argamu guddachaa dhufuu himaniiru. 


 

Fakkeenyaaf, dhaabbanni teekinooloojii Tooyoo Soolaar  jedhamu kan paarkii industirii Hawaasaa keessatti teekinooloojii soolaarii irratti hojjetu ji’oota jahan darban keessatti sharafa alaa olaanaa argamsiisuu isaa ibsaniiru.
Akkasumas Zooniin Diinagdee Addaa Huwaajiyaan oomishaalee teeknooloojii soolaarii biyya alaatti erguuf oomisha yaalii eegaluun isaa tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Daawwannaan har'aa kun Zoonii Diinagdee Addaa bu'a qabeessa taasisuuf kallattii agarsiisuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015