Pirezidaanti Taayyee Asqasillaseen Ambaasaaddara Siriilaankaa bara hojii isaanii xumuran gaggeessani - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaanti Taayyee Asqasillaseen Ambaasaaddara Siriilaankaa bara hojii isaanii xumuran gaggeessani
Amajji 6/2018 (ENA)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaseen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Siriilaankaa ambaassaadar Taashaantaa Kumaaraasiirii bara hojii isaanii xumuran gaggeessani.
Ambaassaaddar Taashaantaa Kumaaraasiirii Siriilaankaa fi Itiyoophiyaan biyyoota hariiroo cimoo qaban ta’uu ibsaniiru.
Hariiroon ammayyaa biyyoota lamaanii akka lakkoofsa Faranjootaa bara 1972 akka hundeeffame eeruun, yeroo ammaa hariiroon siyaasaan, diinagdeen, aadaa fi hariiroo hawaasaan walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii guddachuu ibsaniiru.
Dabalataanis hariiroon biyyoota lamaanii damee anniisaan, qonnaanii fi turizimii keessatti qaban guddachuus eeruun, yeroo ammaa kana lammiileen Siriilaankaa gara 200 ta’an Itiyoophiyaa keessatti damee adda addaatiin hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Itti dabaluunis Itiyoophiyaa fi Siriilaankaan hariiroo isaanii babal’isuuf carraa hedduu akka qaban ibsaniiru.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii kallattiin gara magaalaa guddoo Siriilaankaa Kolombootti akka eegalus eeggachaa akka jiran himaniiru.
Kunis walitti dhufeenya biyyoota lamaanii daran akka cimsu, daldala, tajaajila geejjiba qilleensaa, turizimii fi dameewwan biroo kanneen akka anniisaa babal’isuu akka danda’u akeekaniiru.
Dabalataan industirii qonnaan, dhagaa gati qabeessaa fi faayarratti dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jirus eeraniiru.