Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan misooma Koriidaraa Kutaa Magaalichaatti hojjetamaa jiran magaalaa miidhagsuurra darbee gaaffiilee misomaa deebisuuf carraa uumeera

Amajjii 6/2018(ENA)- Hojiin misooma koriidaraa bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti hojjetamaa jiru naannoo hawwataa uumuurra darbee gaaffii bu’uuraalee misoomaa deebisuuf carraa uumuu Bulchaan Kutaa Magaalicha ibsan.


 

Hojiin misooma koriidaraa dargaggoota Kutaa magaalichaaf carraa hojii uumuusaa ibsaniiru.

Itti aanaan Hojii gaggeessaa Kutaa magaalichaa ObboGammachiis Margaa turtii ENA waliin taassisaniin akka ibsanitti, hojiin misooma koriidaraa kutaa magaalichaatti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Kanaanis kutaa magaalichaatti kallattii hundaan hojiin misooma koriidaraa KM. 8 hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Hojii misooma koriiaraa hanga ammaatti hojjetameen miidhagina magaalichaa dabaluurra darbee bu’uuraaleen misoomaa hawaasicha fayyadamaa taasisan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii misooma koriidaraan daandii lafoo, bakka chaarjii konkolaattota elektirikaan hojjetaniif tajaajila kennan, bakka boqonnaa kan of keessatti hammatedha jedhaniiru.

Dabalataanis bakkeewwan sochii ispoortii taassisuuf tajajilan, mana fincaanii hawaasaa fi tajaajiloota biroo kan hammatedha jedhaniiru.

Hojichi hawaasa magaalichaa hirmaachisuun hojjetamaa jira jedhaniiru.


 

Jiraattota magaalichaa Yaadasaanii ENA’f kennan keessaa Balaachoo Daggafaa hojiin misooma koriideraa magaalittii jiraattotaaf mijataa taasisuu eeraniiru.

Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamaniin magaalicha miidhagsuurra darbee rakkoowwan daandii ammaan dura ka’aaturan furmaata argachuu dubbataniiru.

Hojiiwwan misooma koriideraa ittifufanii eegalaman haala karooraan akka raawwatamuuf deeggarsa barbaachisu akka taassisan ibsaniiru.


 

Hojii Misooma Koriidaraan Namoota Carraan hojii uumameefii keessaa Daamxoo Bashuu fi Fiqaaduu Abarraa hojichi magaala Ammayyeessuurra darbee namoota hedduuf hojii uumuu dubbataniiru.

#ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015