Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyaalessaa Rakkoolee mariin furuuf Qooda olaanaa qaba - Jiraattota

Amajjii 6/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa rakkoolee biyyattii ture mariin akka furamaniif qooda olaanaa qabaachuu jiraattonni Magaalaa Jigjigaa ibsan.

Jiraattonni Magaalichaa ENAf yaada kennan, Komishiniin Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa marichaa hirmaachisaa fi hammataa taasisuun Kutaalee Hawaasaa adda addaa hirmaachisaa tureera jedhan. 

Dhimma marichaarratti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaannaa fi hubannaa akka qabaatan gochuuf hojiin hojjechaa jiru kan jajjabeeffamudha jedhaniiru.

Kanaanis mariin biyyaalessaa rakkoolee biyyattii turan mariin akka furamaniif qooda olaanaa qabaachuu jiraattonni dubbataniiru.


 

Jiraattota yaada kennan keessaa keessaa obbo Abdiirahimaan Mahaammad, Mariin biyyoolessaa Ajandaa waloo walitti qabuun, rakkoolee mariin furuu fi aadaa haaraa dagaagsuun Itiyoophiyaa nagaa taate ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru.

Kunis biyyattiitti seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taassifamu kan cimsu ta’uu abdii qaban ibsaniiru.

Obbo Adan Yuusuuf gama isaaniin,Komishiniin adeemsa Marii biyyoolessaa marii biyyichatti taassisaa jiru kutaalee hawasaa adda addaa hirmaachisuun raawwatamaa jiraachuun kan dinqisiifatamu dha jedhaniiru.


 

Waldhabdeewwan biyyattii keessa jiran karaa qaroomeen furuuf hojiin marii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Obbo Malaakuu Baalchaa gamasaaniin, Mariin biyyoolessaa imala guddina biyyaaf shoora olaanaa qabaachuu eeruun, keessumaa walii galtee uumuun imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa saffisiisuu dandeessisa jedhaniiru.


 

Nageenyi guddina biyyaaf murteessa ta’uu eeruun, keessumaa milkaa’inoota hojiiwwan misoomaa karoorfamaniif mariin biyyoolessaa qooda olaanaa qaba jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015