Tamsaasa Kallatti:

Hojiiwwan misooma Koriidaraa saffisaa fi qulqullinaan hojjetamaa jiru

Amajjii 6/2018(ENA)- Hojiiwwan Misooma Koriideraa saffisaa fi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badrii ibsan.

Bakka Bulchaan Naannichaa Ordiin argamanitti gamaggamni hojii Misooma koriidaraa gaggeeffameera.


 

Wayita kana hojiiwwan misooma koriidaraa eegalaman saffisaan xumuruuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Bulchan kun dubbataniiru.

Misoomni koriidaraa yaadama Mootummaa Ida’amuun kalaqaa, saffisaa fi qulqullina haala bu’uura godhateen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Bu’uura Kanaan hojii misooma koriidaraa saffisaan xumuruun Hawaasaaf banaa taassisuuf hirmaannaan taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Misoomni koriidaraa magaalittii Miidhagduu gochuurra darbee lammiilee hedduuf carraa hojii uumuusaa eeraniiru.

Hojiin misooma koriidaraa daandiiwwan keessa keessaa Magaala Harar dabalatee bal’isuun hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu ibsuun, cimanii itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.


 

Keessumaa naannoo Hambaa Idil- Addunyaa Jugalitti hojiin misoomaa hojjetamaa jiru saffisaan xumuramee tajaajilaaf banaa akka ta’uu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015