Walakkaa Waggaa Bara Baajatichaatti lammiilee kuma 56 fi 146f carraan hojii uumameera - ENA Afaan Oromoo
Walakkaa Waggaa Bara Baajatichaatti lammiilee kuma 56 fi 146f carraan hojii uumameera
Amajjii 6/2018(ENA)- Walakkaa Waggaa Bara Baajatichaatti lammiilee kuma 56 fi 146f carraan hojii dhaabbii fi yeroo uumamuu Biiroon Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Nannoo Beniishaangul Gumuz beeksise.
Carraan hojii kuma 20 fi 996 dhaabbataa fi kanneen hafan carraan hojii yeroo uumamuu Hogganaan Biirichaa Abdusalam Shingal ENA’f ibsaniiru.
Carraawwan hojii kun kan uumaman Haroo Nigaatirratti Qurxumii Kiyyeessuunii fi tajaajila Geejibaa dabalatee, misooma kaannisaan, hojii misooma Qonnaan, akkasums dameelee biroon ta’uu ibsaniiru.
Isaan keessaa carraan hojii lammiilee kuma 7 fi 36’f uumame damee Qonnaan ta’uu hubachiisaniiru.
Haroon Nigaat Annisaa maddisiisuu dabalatee faayidaawwan adda addaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun gara fuulduraattis bal’inaan carraa hojii akka uumu ibsaniiru.
Bu’uuruma Kanaan Haroo Nigaairratti yeroof geejibaa Yabala gabaabaan fi Qurxummii kiyyeessuurratti carraan hojii uumamuu ibsuun, fuuldurattis dameelee adda addaan carraa hojii uumuuf tattaaffiin eegalamuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf Haroon Nigaat carraa hojii uumuu akka danda’u Yunvarsiitii Asoosaatti tajaajila qorannoo fi hawaasummaa waliin ta’uun qorannoo gaggeessuuf yeroo dhihoo sanadni walii galtee hojii mallattaa’u eeraniiru.
Gama biroon carra biyya Alaa ilaachisuun lammiileem kuma 1 fi 73 leenjii barbaachisu fudhatanii bobbii biyya alaa eeggachaa akka jiran hubachiisaniiru.