Tamsaasa Kallatti:

Nageenyii fi tasgabbiin waaraa akka bu’uuf adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa keenya ni cimsina

Amajji 6/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa milkaa’inaan xumuramuun nagenyii fi tasgabbiin waaraa akka mirkanaa’uuf adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa keenya ni cimsina jedhan Abbootiin Gadaa, Maanguddoonni biyya fi Haadholiin Siinqee.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannolee 11 fi bulchiinsa magaalota 2 keessatti, sadarkaa federaalaatti akkasumas qooda fudhattoota Itiyoophiyaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan irraa ajandaan walitti qabameera.

Gareen marii ajandaa kaa’u kun qooda fudhattoota dhimma biyya isaanii keessatti hirmaachuu qaban walitti fiduun dhimmoota waloo isaanii irratti mari’achuu isaanii Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibseera.

Sirna waldhabdee hiikuu biyyattii keessatti qooda fudhattoonni gahee olaanaa qabanis adeemsa kanarratti hirmaataniiru.

Naanno Oromiyaatti Marii biyyaalessaa irratti kanneen bal’inaan hirmaatan keessaa Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni biyyaa keessatti argamu.

Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni biyyaa ENAn magaalaa Adaamaatti dubbise, Mariin Biyyaalessaa akka milkaa’uuf shoora isaanii kan bahatan ta’uu ibsaniiru.


 

Magaalaa Adaamaatti dura taa’aan Mana Murtii Aadaa kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa, Fayisaa Magarsaa akka jedhanitti, Mariin Biyyoolessaa godaannisa darbe furuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Marii hanga ammaatti tasifame irrattis Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni Biyyaa hirmaannaa cimaa taasisuu himaniiru.

Magaalaa Adaamaatti ajandaa walitti qabuu gaggeeffameen yaadota barbaachisoo ta’an kanneen nagaa waaraa Itiyoophiyaa milkeessuuf gargaaran akka dhiyeessan yaadachiisuun, hanga adeemsi kun xumuramutti waan isaan irraa eegamu bahachuu itti fufna jedhan.

Maanguddoon biyyaa obbo Dirribaa Caalaa gama isaaniin, akka nannootti sagantaa ajandaa walitti qabuu magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti yaada gaarii galteef ta’u dhiyeessaa turuu ibsaniiru.


 

Keessumaa sirna aadaa waldhabdee furuu fayyadamuun nageenya waaraa buusuun akka danda’amu eeruun, Mariin biyyoolessaa akka milkaa’uuf nutis gahee keenya cimsinee ni baana jedhaniiru.

Maanguddoon biyyaa biroo obbo Xilahuun Raagoo akka jedhanitti, qaamotni marii biyyoolessaa dhufu irratti hirmaatan yaadota Itiyoophiyaan biyya nagaa waaraa qabduu fi nama hunda fayyadamoo kan taasiftu akka taatu kan gargaaran irratti xiyyeeffachuu qabu.


 

Mariin Biyyaalessaa rakkoolee keenya kan ittiin furannuu fi biyya biyyoota biroofillee fakkeenyaan fudhatamtu akka taatuuf gahee nurraa eegamu cimsinee ni bahanna jedhaniiru.

Haati Siinqee Birqee Kabbadaa gama isaaniin, biyyi nageenya hin qabdu taanaan dubartiitu irra miidhama, deessee guddifachuuf, baatee galuuf hunduu qormaata itti ta’a jedhan.


 

Mariin Biyyaalessaa amma adeemsifamaa jiru hunda kan fayyadu, rakkoolee kan furu waan ta’eef hunduu milkaa’ina isaaf gahee isaa cimsuu qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015