Hojiirra oolmaan tarsiimoo dijiitaalaa Itiyoophiyaa misooma damichaarratti sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu kan taasisu ta’a - ENA Afaan Oromoo
Hojiirra oolmaan tarsiimoo dijiitaalaa Itiyoophiyaa misooma damichaarratti sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu kan taasisu ta’a
Amajjii 6/2018(ENA)- Hojiirra oolmaan tarsiimoo dijiitaalaa Itiyoophiyaa misooma damichaarratti sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu kan taasisu ta’uu hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Aarbaa Minci ibsan.
Milkaa’ina Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessatti argame akka fakkeenyaatti fudhachuun misooma damichaa milkaa’inaan xumuruuf karoorri tarsiimoo waggoota shan itti aanan ifoomuun isaa ni beekama.
Karoorri Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 humna ibsaa fi tajaajila intarneetii bal’isuudhaan dandeettii ida’amuutiin milkeessuuf qophii gochuun hojiitti galameera.
Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi waliin gahinsa barnootaaf shoora olaanaa qaba.
Addunyaa ammaayyaa keessatti karaa kamiinuu dorgomaa ta’uuf hundaa ol mootummaan misooma teekinooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira.
Hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Aarbaa Minci ENA waliin turtii taasisaniin, hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa biyyattii addunyaa waliin akka dorgomtu ishee taasisa jedhan.
Yunivarsiitichatti diinii Faakaltii Kompiitingii fi Sooftiweeri Injinariingii kan ta’an gargaaraa piroofeesaraa Geetaahuun Tigistuu, hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 guddina damichaaf bu’uura gaarii kaa’uu yaadachiisaniiru.
Milkaa’ina kana bu’uura godhachuun Karoorri Tarsiimoo bara 2030 ifatti eegaluun Itiyoophiyaan tajaajila dijitaalaatiin akka addunyaatti dorgomtuu akka taatuuf ishee gargaara jedhan.
Yunivarsiitichuma keessatti barsiisaa fi qorataan kompiitaraa, sooftiweerii fi Daarektara kutaa barnoota Dijitaalaa doktar Mahaammad Abbabaa akka jedhanitti, sirni dinagdee dhalootaan Itiyoophiyaa teeknooloojii deeggaruun dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera.
Xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen, lammiileen leenjii Itiyoo koodarsiidhaan beekumsa teeknooloojii ammayyaa akka horatanii fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’aniif hojjechaa akka jiru eeruun, sirni dijitaalaa lammiileen waraqaa eenyummaa dijitaalaa argatanii hojimaanni isaanii akka mijatuuf haala mijataa uumeera jedhan.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Itiyoophiyaan damee kanarratti biyyoota guddatan waliin akka dorgomtu kan taasisuu fi wiirtuu teeknooloojii ta’uu akka dandeessu ishee taasisa jedhan.
Keessumaa immoo humna ibsaa fi neetiwoorkii irratti xiyyeeffatamuun isaa lammiileen carraa walqixaa akka fayyadamaniif haal mijeessa jedhan.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11 bara 2018 ifatti eegalsiisuun isaanii kan yaadatamudha.
Tarsiimoon kun galmoota qaqqabummaa babal’isuu, carraa walqixaa mijeessuu, dhaabbilee fi ummata gidduutti amantaa uumuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu wayita sana ibsaniiru