Misoomni koriidaraa magaalaa Asoosaa magaalittii hojii fi jireenyaaf mijattuu taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni koriidaraa magaalaa Asoosaa magaalittii hojii fi jireenyaaf mijattuu taasisaa jira
Amajji 6/2018(ENA) – Misoomni koriidaraa bifa magaalaa Asoosaa jijjiiruun cinatti magaalittii jireenyaa fi daldalaaf mijattuu taasisuu jiraattonni himan.
Magaalaa Asoosaatti daandii lafoo fi kan konkolaataa dabalatee bakkeewwan bashannaa fi iddoon ispoortii marsaan jalqabaa hojjetamee xumurameera.
Qaama misooma koriidaraa kan ta’ee fi kiloomeetira 12 kan uwwisu misoomni marsaa 2ffaas jalqabameera.
Sochiiwwan misoomaa kana waliin walqabatee jiraattonni ENAn dubbise akka jedhanitti, baroota jijjiiramaa asitti misoomni ariifrachiisaan hawaasummaa fi diinagdee naannichatti hojjetame gaaffii hawaasaaf deebii kan kennedha.
Akka jiraataan magaalichaa obbo Abdulmahimud Ibraahim jedhanitti, misoomni koridaraa marsaa jalqabaa xumuramuun magaalattiin sochii jireenyaa fi daldalaaf mijaawaa akka taatu taasiseera.
Misoomni koriidaraa hojjetame faayidaa olaanaa kan kenne ta’uu eeruun gara fuula duraattis misooma koridaraa hojjetamuuf tumsa barbaachisu akka taasisan himaniiru.
Kan biraan jiraataan magaalichaa daldalaan obbo Galataa Gaagaa gama isaaniin, misoomni koriidaraa marsaa jalqabaan hojjetame daldala magaalittii irratti fooyya’insa fiduu himan.
Bulchiinsi magaalichaa misooma koriidaraa marsaa lammaffaa ariitiin akka xumuruuf gahee isaan irraa eegamu akka bahatan ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Bu'uuraalee Misoomaa Naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Muhammad Almaahii akka jedhanitti, misooma koridaraa marsaa 2ffaa magaalaa Asoosaa yeroo qabameef keessatti xumuruuf qindoominaan hojjetamaa jira.
Hawaasni bu’aa misooma koriidaraa marsaa jalqabaa waan hubateef isa marsaa lammaafis deeggarsa maallaqaa fi humnaa cimsee itti fufuu eeraniiru.