Tamsaasa Kallatti:

Mi’eessituun lafa heektaara kuma 741 fi 165 irra ture walitti qabame

Amajjii 6/2018(ENA)- Mi’eessituun lafa heektaara kuma 741 fi 165 irra ture walitti qabamee omishni tooniin miiliyoona 1 fi kuma 385 fi 150 argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi shayii Itiyoophiyaa ibse.

Bara baajatichaatti lafti hektaara kuma 775 fi 439 ta’u irra Mi’eessituun mi’eessituudhaan misoomuusaa Abbaa Taayitichaatti dursaan hojii raawwachiisaa Misooma Bunaa, Shayii fi Mi’eessituu Fiqaaduu Dafarras ibsaniiru.

Kana keessaa hanga ammaatti omisha kan kennu mi’eessituuwwan lafa hektaara kuma 741 fi 165 irra ture yoo ta’u, omishicha walitti qabuun xumuramuu ibsaniiru.

Gosoota mi’eessituu keessaa Barbaree, Jinjibila, Kororimaa, Abasuuda gurraacha, Abasuuda Adii, Abishii, Dinbilaala, qundo barbaree, Mimmixa, Roozmarii fi kanneen biroo ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa mi’eessituun hektaararraa kuntaala 18 tuqaa 4 akka argamu ENA’f ibsaniiru.

Dhiheessiin Sanyiiwwan mi’eessituu qonnan bulaarraa gara Qonnaan bulaatti dhihaatu ilaalchisee barbaree kuntaala kuma 1 fi 513 tuqaa 75, Mimmixa Kuntaala 32, Abasuuda Gurraacha kuntaala kuma 2 fi 444 tuqaa 4, Abasuuda Adii kuntaala 406, Abishiin kuntaalli kuntaalli kuma 1 fi 300 fi kanneen biroon fayyadamtootaaf dhihaachuu ibsaniru.

Omishaa fi omishtummaa guddisuuf tajaajilli eksteenshinii, misoomni kilaastaraa fi paakeejii guutuu hojiirra oolchuu cimsuu fi hojiirra oolmaaTeekinooloojiiwwan haarawaa xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015