Naannoo Oromiyaa Godinoota sadii keessatti lafa heektaara kuma 150 irratti misoomni shaayii gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaa Godinoota sadii keessatti lafa heektaara kuma 150 irratti misoomni shaayii gaggeeffamaa jira
Amajji 6/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godinoota Iluu Abbaa Booraa, Buunnoo Beddellee fi Jimmaatti lafa heektaara kuma 150 irratti misoomni shaayii gaggeeffamaa akka jiru Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Hoggantoonni godinichaa misooma shaayii godina Buunnoo Beddelleetti kilaastaraan oomishamaa jiru kaleessa daawwataniiru.
Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannichaa obbo Geetuu Gammachuu jedhanitti, hojii qonnaa mootummaan naannichaa akka inisheetiviitti hojiirra oolchaa jiruu fi madda galii qonnaan bultootaa babal’isaa jiru keessaa misoomni shaayii isa tokko.
Keessumaa Kibba Lixa Oromiyaatti Godinoota sadii keessatti misooma shaayiif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa akka jiru, muuxannoo fi ogummaan irraa horatamaa akka jirus ibsaniiru.
Misoomni shaayii hojjetamaa jiru kunis fayyadamummaa qonnan bultootaa dabaluun cinatti, guddina biyyaafis shoora olaanaa qaba jedhan.
Godinoota misoomni shaayii itti gaggeeffamaa jirutti warshaa shaayii qindeessu ijaaruuf hojiin halduree hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni kun waggaa guutuu qophii biqiltuu fi kunuunsa biqiltuu dhaabameen gaggeeffamaa akka jiru eeruun, yeroo ammaa biqiltuun shaayii miiliyoona 400 qophaa’aa akka jiru ibsaniiru.
Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee obbo Amaan Danuu akka jedhanitti, waggoota lamaan darbanitti lafa heektaara 200 irratti biqiltuun shaayii dhaabameera.
Dabalataan biqiltuun lafa heektaara 600 irra dhaabamuuf immoo Ganna dhufuuf qophaahamaa jira jedhan.
Aanaa Cooraatti waldaan gurmaa’uun qonnaan bultoonni misooma shaayii irratti hirmaachaa jiran kunuunsaa fi eeggannoo oyiruu irratti taasisaafii jirra jedhaniiru.
Omishni kun waggaa lama keessatti gara warshaatti akka dhiyaatuu fi akkasumas fayyadamoo akka ta’an abdii qaban ibsaniiru.