Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan tumsasaanii cimsuuf kutannoo qaban ibsan - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan tumsasaanii cimsuuf kutannoo qaban ibsan
Amajjii6/2018(ENA)- Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan tumsasaanii waltajjii hedduurratti qaban cimsuuf akka hojjetan beesisan.
Durataa’aan Komishinii Gamtaan Afriikaa Alii Yuusuuf Deetaa Ministira dhimmaa Alaa Jaappan Ayyaanoo Kuniimitisu waliin teessoo Gamtichaa Finfinneetti Marii’ataniiru.
Durataa’aan Komishini Gamtaa Afriikaa fi Jaappaan hariiroo waggootan 30 olii akka qaban yaadachuun Jaappaanitti Fooramii Idil -Addunyaa TICAD hariiroo qaban kaasaniiru.
Fooramii misooma Jaappaanii,Afriikaa 9ffaan Baatii Hagayyaa bara 2017 Yookaahaamaatti gaggeeffame hariiroo biyyoota Lamaanii keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Marichi tumsa gam-lameesaanii caalaatti cimsuuf kan kaayyeffatedha.
Jaappaan Afriikaaf deeggarsa ittisaa fi to’annoo dhukkubaaf (African CDC) taassisaa jirtu akkasumas guddinaa fi hariiroo fulla’aa Afriikaaf bu’uuraalee misoomaa deeggaraniif Qabeenya gumaacha jirtu guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.
Deetaan Ministira Dhimmaa Alaa Jaappaan AyyaanooKunimitisuu fooramii Misooma Idil Addunyaa Jaappaan Afriikaa 9ffaa (TICAD) milkaa’inaan gaggeesuu dinqisiifataniiru.
TICAD 10ffan Afriikaatti akka gaggeeffamuuuf Jaappaan Komishinii Gamtaa Afriikaa waliin dhiheenyatti hojjechuuf kutannoo qabaashuushee ibsaniiru.
Biyyisaanii Riijinii daldala walabaa Ardii (AfCFTA) fi sagantaa babal’ina bu’uuraalee misoomaa PD dabalatee Innisheetifoota Gamtaan Afriikaa dursa kennuufii deeggaruushee akka ittifuftu ibsaniiru.
Gama biroon Deetaan Ministiraa Bulchiinsa Addunyaa keessatti qooda Afriikaa guddachaa dhufe kaasuun Gamtaan Afriikaa miseensa dhaabbataa garee 20 ta’uunshee cehumsa guddaa ta’uu dubbataniiru.
Hoggantoonni kunneen Gamtaa Afriikaa fi Jaappaan waltajjii marii guddaa fi TICAD tumsasaanii caalaatti cimsuu fi Hariiroo gamhedduun akka cimuuf akka hojjetan ibsuusaanii Odeeffannoo ENAn Gamticharraa argate mul’isa.
Gamtaan Afriikaa fi Jaappaan A.L.A bara 1993 eegalanii hariiroosaanii eegaaluusaanii odeeffaanichi mul’isa.
Nagaa fi Tasgabbii , Dinagdee ,Misooma Daldala ,Fayyaa ,Qonnaa, Teekinooloojii fi Jijiirama haala qilleensaa ittisuurratti tumsa gamhedduu keessatti kan eeramanidha,.