Godina Gujiitti dhaabbilee oomishtootaa fi tajaajila kennaniif walitti hidhamiinsi gabaa birrii miiliyoona 348 ol ta’u uumameera. - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti dhaabbilee oomishtootaa fi tajaajila kennaniif walitti hidhamiinsi gabaa birrii miiliyoona 348 ol ta’u uumameera.
Amajji 5/2018(ENA) - Ji'oota jahan darban keessatti intarpiraayizoota godina Gujii keessa jiraniif walitti hidhamiinsa gabaa birrii miiliyoona 348 ol mijeessuu Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa godinichaa beeksise.
Waajjirichatti ogeessi carraa hojii uumuu obbo Biraaraa Gammadaa ENAtti akka himanitti, ji’oota jahan darban keessa dhaabbilee qonnaa, indaastirii godoo, ijaarsaa fi tajaajila godinicha keessatti bobba’aniif bakki hojii fi bakki gurgurtaa kennameera.
Intarpiraayizoonni kunniin,kan aannanii,foonii,killee akkasumas gaagura kanniisaa,meeshaalee manaa fi biiroo fi kanneen biroollee oomishuun gabaaf dhiyeessuu isaanii ibsaniiru.
Bu’aa qabeessummaa Intarpiraayizootaa guddisuuf oomishtootaa fi tajaajila kennitoota 537f walitti hidhaminsi gabaa uumameeraafi jedhani.
Intarpiraayizoota walitti hidhaminsi gabaa uumameefii interpiraayiziin Bilisee Qumnagar gaagura ammayyaa hojjetu isa tokko dha.
Qindeessaan intarpiraayizichaa obbo Habtaamuu Mannaa, walitti hidhamiinsa gabaatiin oomisha isaanii baay’inaanii fi qulqullina olaanaan dhiyeessuudhaan galii isaanii guddisuu akka danda’an eeraniiru.
Walitti hidhamiinsa gabaa mootummaan uume fayyadamuun meeshaalee harkaa ammayyaa baay’inaan oomishaa akka jiran ibsaniiru.
Hanga ammaattis Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa, Bulchiinsa Aanaa Girjaa fi Aanaa sooraatiif gaagura ammayyaa 240 gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun fayyadamoo ta’uu eeraniiru.
Dabalataan, gurgurtaa meeshaalee gaagura ammayyaa waajjira damee mootummaaf dhiyeessan irraa birrii kuma 360 ol akka argatan himaniiru.
Shamarreen Dastaa Girmaa hiryyoota ishee shan waliin gurmaa’uun hojii xaawulaa baqaqsuu irratti bobbatee fayyadamuu ta’uu ibsiteetti. Kanaan dura hojii dhabuun barnoota yunivarsiitiidhaa eebbifamtee kan turte ta’uu eeruun, wayita ammaa magaalaa Adoolaatti lafa hojiitti hojjetan mootummaan isaaniif mijeessetti gammaduu ibsiteetti.
Hojii isaanii guddifachuufis kan tattaafatan ta’uu eerteetti. Walitti hidhaminsi gabaa uumamuuniifii immoo hojii isaanii qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishan isaan gargaaruu dubbatteetti.