Tamsaasa Kallatti:

Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee itti fufa

Amajjii 5/2018(ENA)-Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee akka ittifufu Deetaan Minisira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ibsan.

Yaa’iin Qulqullinaa fi Inooveeshinii Tajaajilla Fayyaa Biyyoolessaa qopheessummaa Biiroo fayyaa Oromiyaan Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.


 

Deetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii waltajjicharratti akka dubbatanitti , Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuun dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuurratti xiyyeeffannoon kennameera.

Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuuf Innoveeshinii fi Dijiitaalayizeeshiniirratti bal’inaan hojjechuun dhaqqabamummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaanin, naannichatti qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, Dijiitaalaayizeeshiniif , ijaarsa humna namaa fi galtee wal’aansaa guutuurratti bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru.


 

Qulqullina tajaajila fayyaa milkeessuuf tattaaffii taassifamu qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuu fi kalaqawwan haaraa gara hojiitti galchuun itti quufinsa maamilaa dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haqa qabeessummaa Qulqullina tajaajila fayyaa fi dhaqqabamummaarratti bu’aa argame ittifufsiisuuf hojiiwwan innooveeshinii fayyaa aadeffachuu fi tumsasaa cimsuu akka qaban dubataniiru.


 

Hojiiwwan Innoveeshinii damee fayyaa egzibiishiniiwwan mul’isan, Qorannoo fi qo’annoowwan akkasumas tumsa kan cimsan mariiwwanii fi taateewwan biroon yaa’ichaan raawwatamu jedhaniiru.


 

Yaa’icharratti Hoggantoonni Federaalaa fi Naannoolee, bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunnyaa fi UNICEF Dhaabbileen Qorannoo, dameelee dhunfaa fi Dhaabbileen Miti-Mootummaa hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015