Tamsaasa Kallatti:

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Lakkoofsa Gabatee konkolaataa Teekinooloojii Ammayyaa qaban hojiirra oolchuufi

Amajjii 5/2018(ENA)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa lakkoofsa gabatee konkolaataa amma itti fayyadamaa jiru, Gabatee teekinoolojii ammayyaa qabateen jijjiiruuf ta’uu Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el beeksisan.

Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa raawwii karoora baatii 6 bara baajataa 2018 gamaggama gaggeesseera.


 

Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el akka dubbatanitti, lakkoofsa gabatee poolisiin amma itti fayyadamaa jiru akka jirutti jijiiruun lakkoofsa gabatee haaraa fi ammayaa’aa yeroo dhihoottu hojiirra oolchuuf qophii xumuruu dubbataniiru.

Kunis dhaabbatichi yakka ittisuu fi hojii qorannoo kara ammayyaa’aan gaggeessuuf hojiiwwan riifoormii gaggeessaa ture keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.


 

Gabateen haaraan furtuuwwan teekinooloojii Ammayyaa’aa kan qabu yoo ta’u Poolisii Federalaa Itiyoophiyaa qofa kan bakka bu’u gahumsa ogummaa dhaabbatichaa akkasumas sadarkaa naamusaa qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015