Magaalaa fi baadiyaatti bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessan bu'aa argamsiisaa jiru - Ministira Caaltuu Saanii - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa fi baadiyaatti bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessan bu'aa argamsiisaa jiru - Ministira Caaltuu Saanii
Amajji 5/2018(ENA) - Magaalaa fi baadiyaatti bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessan bu'aa argamsiisaa jiru jedhan Ministirri Misoomaa Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii.
Pirojektoonni misooma koridaraa bu’a qabeessa ta’an magaalota 76 keessatti hojjetamaa jiru.
Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uura Misoomaa Caaltuu Saanii gandoota manneen jireenyaa, misooma magaalaa fi baadiyyaa biroo bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti ijaarame ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin waggoota muraasa keessatti hojiin misoomaa nama irratti xiyyeeffate magaalaa fi baadiyyaa keessatti bu’aa misoomaa bal’aa kan magaalota miidhagsee fi fayyadamummaa lammiilee hunda galeessa mirkaneesse galmeessuu isaa ibsaniiru.
Akka fakkeenyatti naannoo Amaaraa magaalaa Saqoxaa, naannoo Tigraay magaalaa Maqalee akkasumas magaalaa Harar dabalatee magaalota naannoolee adda addaatti tajaajila lammummaan lammiilee hedduu fayyadamaa taasisuun, manneen jireenyaa ijaaramaniiru jedhan.
Sagantaa tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti Godina Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa Tulluu Araraatti Gandi Moodeela qindaa’aa ijaaramee ummataaf banaa taasifamuu ibsaniiru.
Misooma koridaraa magaalaa Finfinnee akka milkaa’ina gaariitti eeruun, hojiin misooma koridaraa magaalota 76 keessatti ijaaramaa jirus fayyadamummaa lammiilee hunda galeessa mirkaneessaa jiraachuu himaniiru.
Misoomni koridaraa magaalaa, dandeettii carraa hojii uumuu fi sochii dinagdee uuman bira darbee magaalota gidduutti miira dorgommii gaarii ta’e uumuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Hojiileen bu’uuraalee misoomaa akka biyyaatti magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamaa jiran badhaadhina guutuu Itiyoophiyaa kan mirkaneessan ta’uu eeraniiru.