Tamsaasa Kallatti:

Misooma Sululaa Qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya umamaa galmoota Misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jira

Amajjii 5/2018(ENA)-Nannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya uumamaa hojjetamaa jiru galmoota misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse.

Naannoo Oromiyaatti bara kana hojii misoomaa suluulaa baatiiwwan lamaan itti aananitti hojjetaman sadarkaa Naannootti Godina Buunnoo Beddelleetti Aanaa Dabboo Haannaatti eegalameera.


 

Sagantaa jalqabiisaararatti kan argaman Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojiin misoomaa sululaa bara kanaa suluulawwan kuma 6 fi 300 irratti hojjetama jedhaniiru.

Hojii misooma sululaa Qindaa’aa bara darbe hojjetameen uwwisni bosona naannichaa dabaluurratti akka argamu kaasaniiru.

Hojiin misooma sululaa milkaa’ina inisheetivoota gama Qonnaan bocamanii hojetamaa jiraniif qooda olaanaa qabaachuusaa dubbataniiru.

Walii gala hojiin misooma sululaa Qindaa’aan fi eegumsa qabeenyaa nannichatti hojjetamaa jiran galma misoomaa fi guddinaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.


 

Bara kana naannicha bakkeewwan hundatti hojiin misooma sululaa Qindaa’aan hirmaannaa hawaasaa cimaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu gamasaaniin, hojiin eegumsa Bishaanii fi biyyee Godinichatti eegalame suluulawwan 222 irraatti kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.


 

Godinichatti sababa jijjiirama haala Qilleensaa fi Asiidummaa biyyeen omishtummaa hir’atu ittisuuf hojiiwwan misooma sululaan hojjetaman cimanii akka itti fufan dubbataniiru.

Lafti Hojiin misooma sululaa yeroo bonaa irratti hojjetamu yeroo gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan adda addaa dhaabuun haaldureen hojii kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Kanaafis biqiltuuwwan tajaajila adda addaa kennan miiliyoona 200 ol ta’an Godinichatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojii misooma sululaan qonnaan bultoonni miidhaa Qabeenya bishaanii fi Biyyeerra gahu ittisuun fayyadamummaasaanii kan mirkaneessuu waan ta’eef hirmaannasaanii bara kanaa kan cimsan ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015