Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaadha - ENA Afaan Oromoo
Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaadha
Amajji 5/2018(ENA) - Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaa ta’uu hayyoonni damichaa ibsan.
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 yeroo ifatti jalqabsiisan ibsa kennaniin, Dijitaalli Itiyoophiyaa odeeffannoo haqa qabeessa, amanamaa fi sirrii ta’e argachuuf akka gargaaru ibsuun isaanii ni yaadatama.
Dhimma kana irratti ENAn itti aanaan pirezidaantii dhimma barnootaa Yunivarsiitii Asoosaa fi hayyuun damee kanaa doktar Malkaamuu Dheeressaa waliin turtii taasiseen, xiyyeeffannaan mootummaan misooma dijitaalaaf kenne haala qabatamaa addunyaa yeroo ammaa jiru hubannoo keessa galchuun ta’uu ibsan.
Teeknooloojiin dijitaalaa dorgommii addunyaa waan ta’eef damee kanarratti xiyyeeffachuun ciminaan hojjechuu ala filannoon biraa hin jiru jedhan.
Haaluma kanaan raawwiin waggoota shanan darbanii fi kallattii gara fuulduraatti fudhatamuun dorgomtummaa Itiyoophiyaa karaa hedduun akka guddisu dubbataniiru.
Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 guddina damichaaf bu’uura gaarii kan kaa’e ta’uu hubachiisuudhaan, tarsiimoon itti aanu bu’aa guddaa kan fidu ta’uu ibsaniiru.
Gara fuula duraatti hubannoo namtolchee fi teeknooloojii adda addaa birootti fayyadamuu fi dorgomuun guddinaa fi misooma biyyaatiif hojjechuun hunda keenyarraa eeggama jedhaniiru.
Sirna daldalaa dabalatee tajaajiloota biroo dijiitaala gochuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, tajaajilawiirtuu tokkoo (Masoob) babal’isuu, eenyummeessaa biyyoolessaa (Faayidaa) lammiilee hundaaf dhaqqabamaa taasisuu fi daldala dijitaalaa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 kan murteessu carraaqqii fi tumsa hunda ta’uu eeruun, keessumaa tajaajila elektirikaa Itiyoophiyaa fi intarneetii babal’isuun dhimmoota ijoo dha jedhan.