Sirna bittaa mootummaa ammayyeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu qabu-Ministira Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Sirna bittaa mootummaa ammayyeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu qabu-Ministira Ahimad Shidee
Amajjii 5/2018(ENA)-Tajaajila bittaa mootummaa karaa elektirooniksii raawwatamu bu’a qabeessa gochuu fi itti faayyadama qabeenyaa fooyyessuuf hojiilee hojjetamaa jiran caalaatti cimanii itti fufuu qabu jedhan ministirri maallaqaa Ahimad Shidee.
Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenya mootummaa hojiirra oolmaa sirna bittaa elektirooniksii irratti waajjiraalee federaalaa abbaa bajataa ta’an waliin mari’achaa jira.
Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana akka jedhanitti, bittaa ammayyaa fi elektirooniksii caalaatti cimsuun qabeenyi mootummaa sirnaan hojiirra oolchuuf hojiin hojjetamu caalaa cimee itti fufuu qaba.
Bittaan guddaan kan raawwatamu dhaabbilee mootummaatiin waan ta’eef qabeenya biyyaa murtaa’aa ta’e sirnaan hojiirra oolchuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Labsii bittaa bu’a qabeessa gochuuf hojmaata dijitaalaa cimsuun dirqama dhaabbilee hundarraa eegamu ta’uu cimsanii kaasaniiru.
Sirna bittaa elektirooniksii gatii gabaatiin dorgomsiisuun raawwatamuu akka qabu kaasanii, abbaan taayitichaa deeggarsaa fi hordoffii cimsuu qaba jedhaniiru.
Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa bittaa fi qabeenya mootummaa Masarat Masqalee gamasaaniin, sirni bittaa ammayyaa fi haqa qabeessi akka hojiirra oolu hojiileen garagaraa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Abbaan taayitichaa fooyyessa seeraa, hojmaataa fi gurmaa’insaa gochuun tajaajila si’ataa teeknooloojiin deeggarame kennaa akka jiru ibsaniiru.
Bittaan karaa elektirooniksii gaggeeffamu carraa wal qixa uumuuf, baasii mootummaa hir’isuu fi iftoominaa fi itti gaafatama buusuu akka dandeessisu dubbataniiru.