Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi seenessa waloo pirojektii hirmaannaa qaamolee hundaa barbaadu kan itti fufiinsa qabudha

Amajjii 5/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo pirojektii biyyaalessaa hirmaannaa qaamolee hundaa barbaadu kan itti fufiinsa qabu ta’uusaa hogganaan waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa doktar Abdula’iiz Daawud ibsan.

Konfiransiin seenessa biyyaalessaa bocuu fi dhaabbata taasisuuf magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa ture walii galtee “ibsa walii galtee Jimmaa” baasuun xumurameera.

Hogganaan waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa doktar Abdula’iiz Daawud cufiinsa konfiransichaarratti haasawa taasisaniin, waltajjichi seenessa biyyaa ilaalchisuun mariin gadi fageenyaa kan irratti taasifamee fi bu’a qabeessa akka ture ibsaniiru.

Ijaarsi seesessa waloo yeroo tokkotti kan xumuramu osoo hin taane pirojektii biyyaalessaabitti fufiinsa qabu ta’uu eeruun, adeemsichi hirmaannaa qaamolee hundaa akka barbaadu cimsanii kaasaniiru.

Keessumaa qoodni dhaabbilee amantaa fi hawaasa siviikii olaanaa ta’uu dabalanii dubbataniiru.

Kanaaf waltajjiin jajjabeessaan wiirtuun qaroomaa fi siyaasa nagaa(CRPP)’n jalqabe kana cimsee itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektiin biyyaalessaa waloo ta’e kun akka galma ga’uu fi akka milkaa’u qoodasaa akka gumaachu mirkaneessaniiru.

Qophheessota, hayyootaa fi hirmaattota mariin kun akka milkaa’u gumaacha taasisan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015