Tamsaasa Kallatti:

Filannoo Biyyoolesaa torbaffaa karaa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessata’een gaggeessuuf qophiin taassifameera

Amajjii 5/2018(ENA)- Filannoo Biyyoolessaa 7ffaa karaa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessa ta’een gaggeessuuf qophiin ga’aan taassifamuu Afa-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota uummataa Taaggasaa Caafoo ibsan.

Manni maree bakka bu’oota ummataa seera baastota biyyoolessaa waliin waltajjii marii waloo magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira.


 

Waltajjiin marii waloo Hariiroo sirna mootummootaa murteessuuf bu’uura labsii lakkoofsa 1231/2013 baheen gaggeeffama.

Imaammatawwanii fi seeronni Mootummaa Federaalaa raawwii walitti dhihaatu , walii galtee waloo, haqa hawaasummaa, nageenya fulla’aa fi Bulchiinsa gaarii , Dimokiraasii fi eegumsa mirga Namoomaa akkasumsa hawaasa siyaas-diinagdee tokkoo ijaaruuf kan kaayyeffatedha.

Afayaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoon wayita kana waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuun hawaasa siyaasaa fi dinagdee tokko ijaaruuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis waltajjiin marii bara Kanaan dhimmoonni waqtaawaa fi biyyoolessaa ka’anii Seera Baastota Federaalaa fi naannoolee waliin mariin nitaassifama jedhaniiru.

Waltajjii Kanarratti qophii filannoo waliigalaa 7ffaa fi shoora manneen maree, sanada xiinxalaa fi qorannoo baajata paabilikii fi faayinaansii akkasumas sanada oodiitii seeraa irratti akka mari’atamu ibsaniiru.


 

filannoo waliigalaa 7ffaaf Mootummaan haala mijataa uumuuf dhiyeessii galtee fi gahee ilaachisee marii gaggeessuu dubbataniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa fi Manni maree Nannoolee filannoo walii galaa bara kanaa filannoo marsaa 6ffaarraa haala fooya’een akka gaggeeffamuuf gahee qindeessummaa keenya gahuumsaan bahuu qabna jedhaniiru.

Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa Riifoormii hedduu taasisuu kaasuun, hojii hordoffii fi to’annoo, hojii bakka bu’ummaa ummataa, gahumsaan bahuuf hojii dandeessisu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Filannicha milkeessuuf dandeettii keenya ijaaruu qaban jechuun, waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa kanaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Kanaanis manni marichi bu’uura seeraa kaa’uun seeronni bahan heera mootummaan, Seerota Idil-Addunyaanii fi seerota biyyaa duraan turan waliin kan walsimatani ta’uusaanii fi hojiirra oolmaasaanii hordofuuf hojmaanni dandeessisan diriireera jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015