Ayyaanni bara haaraa Beenchi ‘Biisti Baariin’ sagantaa adda addaan magaalaa Miizan Amaanitti kabajamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni bara haaraa Beenchi ‘Biisti Baariin’ sagantaa adda addaan magaalaa Miizan Amaanitti kabajamaa jira.
Amajji 5/2018(ENA) - Ayyaanni bara haaraa Beenchi ‘Biisti Baariin’ sagantaa adda addaan bakka Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar argamanitti magaalaa Miizan Amaanitti kabajamaa jira.
Ayyaanni bara haaraa Beenchi, ‘Biisti Baar’ akka ayyaana ce'umsaatti kan ilaalamu yoo ta’u, kunis yeroo baatiin Gannaa darbee midhaan gahee oyiruu keessaa gara gombisaatti galu kan kabajamu yerootti Uumaa isaanii galateeffatanidha.
Ayyaanni kuni waggaa waggaan dhuma baatii Muddee ykn jalqaba baatii Amajjii irratti kan kabajamu yoo ta’u, kunis yeroo midhaan gahe sassaabamee xumuramee gombisaan guutudha.
Ayyaanni Biisti Baar yeroo kabajamu, kan haaloo walitti qabate yoo jiraate yerootti waliif dhiisuu qabu dha. Ayyaanni kuni ayyaana dhiifama, araaraa, walii galuu, hariiroon obbolummaa namootaa jaalalaan kan itti haaromsamu akka ta'e himama. Ayyaanni kun sirnoota mimmiidhagoo hedduun kan kabajamu yoo ta’u, gugsii fardaa, agarsiisa meeshaalee aadaa, eebba abbootii aadaa fi taateewwan birootiin dabaalamuun kabajama.
Ayyaanni Biisti Baar baranaa magaalaa Miizaan Amaan keessatti kabajamaa kan jiru yoo ta'u, Afyaa'iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aaganyoo Tashaagarii fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoo biroo, akkasumas gareewwan hawaasaa adda addaa argamaniiru.