Hojiileen misoomaa Imala bayyanachuu Itiyoophiyaa cimsan dinqisiisoon hojjetamaniiru- Tajaalila Komunikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen misoomaa Imala bayyanachuu Itiyoophiyaa cimsan dinqisiisoon hojjetamaniiru- Tajaalila Komunikeeshinii Mootummaa
Amajji 5/2018(ENA)- Bara baajataa 2018 baatiiwwan jahan darbanitti,hojiileen imala bayyanachuu Itiyoophiyaa cimsan dinqisiisoon hojjetamaniiru jedhe Tajaalilli Komunikeeshinii Mootummaa
Raawwii misoomaa ji’oota jahan darbanii bara baajataa kanaa ilaalchisee Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsa kana kan kennan Ministira Ministeera Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa Innaataalem Mallas yoo ta’an, barri 2018 bara bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Bara baajataa kana ji’oota jahan darban keessatti bu’aaleen misoomaa dinqisiisoo ta’an kanneen dandamachuu Itiyoophiyaa cimsan galmaa’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa bara 2030tti mallattoo badhaadhina Afrikaa kan taasisu dameewwan diinagdee hedduu keessatti bu’aaleen misoomaa galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Eebbifamuun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi jalqabamuu piroojektoota missiraachoo Gubaa Itiyoophiyaan pirojektoota misoomaa gurguddoo jalqabsiisuu fi xumuruuf dandeettii akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, imaltoota miiliyoona 110 keessummeessuu danda’u, Itiyoophiyaan gara fuulduraatti wiirtuu geejjibaa qilleensaa Afrikaa fi addunyaa taasisuu eegaluun ishee barbaachisummaa guddaa ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Haaromsi diinagdee biyya keessaa mootummaan Ida’amuu taasises bu’aa guddina Itiyoophiyaa guddisu kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.