Hogganaa Itti Aanaan Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa Koloneel Faantahuun Muhaabbaan waamicha nageennyaa fudhatan - ENA Afaan Oromoo
Hogganaa Itti Aanaan Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa Koloneel Faantahuun Muhaabbaan waamicha nageennyaa fudhatan
Amajjii 5/2018 (ENA) – Hogganaa Itti Aanaan Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa Koloneel Faantahuun Muhaabbaan waliigaltee waamicha Nageenyaa Mootummaan Naannichaa dhiyeesse fudhachuudhaa karaa nagaan galan.
Kolooneel Faantahuun Muhaabbaan eegdootaa fi hidhattoota hedduu waliin karaa nagaan galaniiru.
AMCn akka gabaasetti Koloneel Fantaahuun Muhabbaan waliigaltee nagaa Mootummaa Naannoo Amaaraa waliin karaa Gamtaa Afrikaa fi IGADn adeemsifame hordofuun qabsaa’ota isaanii hunda waliinii fi meeshaa guutuun waamicha nagaa fudhachuun simatamaniiru.
Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa gidduutti Sadaasa 25, 2018 waliigalteen nageenyaa mallattaa’uun kan yaadatamuudha.