Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaa kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira

Amajji 4/2018(ENA) - Mootummaan Ida’amuu Itiyoophiyaanota kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan.

Konfiraansiin biyyoolessaa seenessa waloo Itiyoophiyaa bocuuf kaayyeffate magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee barreeffama mata duree "Eenyummaa Biyyaalessaa, Yaadannoo Waloo fi Fudhatamummaa Mootummaa; Muuxannoo Itiyoophiyaa fi Kallattii Yeroo Ammaa kaahame" jedhuun kallattiiwwan ijoo Mootummaan Ida’amuu badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf fudhate ibsu dhiyeessan.


 

Barreeffama isaanii ka’umsaa keessatti qaroomina Itiyoophiyaa durii, argama qaroominaa ta’uushee, muuxannoo siyaasaa kan kan qabdu, miseensa Liigii of nashinii kan jalqabaa ta’uu ishee fi hundeessituu Gamtaa Afrikaa akka turte ibsaniiru.

Injifannoo Adwaa bara 1888 kan gonfattee fi aadaa miidhagaan kan badhaate ta’uu eeraniiru.


 

Lammiileen Itiyoophiyaa gaafa rakkoo kan waliin dhaabbatan ta’uu eeruun, haa ta’u malee, aadaan siyaasaa duubatti hafee fi seenessi wal dhahaa ijaarsa mootummaa irratti gufuulee ijoo ta’anii akka turan akeekaniiru.

Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu jijjiirama jiruuf xiyyeeffannoo kennuun rakkoolee kanaan dura turan hundeen furuuf seenessa waloof xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira jedhan.

Waliigaltee fi araara biyyoolessaa, ilaalchi waloo fi gabaa yaadaa, siyaasa yaadaa, waliigaltee dimokiraasii Itiyoophiyaa, birmadummaa diinagdee, badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Konfiraansii kanarratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljgee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii doktar Abrahaam Balaay, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa, Sa’aadaa Abdurahmaanii fi hoggantoonni federaalaa fi naannoolee biroo, akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015