Nagaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi yakka ittisuun hojiin bu'a qabeessi hojjetameera - Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Nagaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi yakka ittisuun hojiin bu'a qabeessi hojjetameera - Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Amajji 4/2018(ENA)- Baatiiwwan jahan darban keessatti nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi akkasumas yakka ittisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa dha jedhan ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa gamaaggama raawwii hojii karoora ji'oota jahaa bara bajataa 2018 gaggeessaa jira.
Komishinar Dammallaash G/Mikaa’el akka jedhanitti poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa naannoolee waliin ta’uun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiin hojjete bu’aa qabeessa dha.
Yakka ittisuu, qorannoo yakkaa, misooma humna namaa, dandeettii loojistiskii guddisuu fi itti fayyadama teeknooloojii irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru.
Sochii humnoota shororkeessummaa to’achuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessattis hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu eeraniiru.
Baatiiwwan jahan darbanitti poolisiin meeshaalee kontirobaandii birrii biiliyoona 14 ol ta’utti tilmaamamu to’annaa jala oolchuu eeruun, daddabarsa namoota seeraan alaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu haala qindoomina qabuun ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu himaniiru.
Ayyaanonni biyyaalessaa fi amantii, akkasumas konfiraansiin gurguddoo ardiilee fi idil-addunyaa milkaa’inaan gaggeeffamuu ibsaniiru.
Tajaajilli poolisii teeknooloojiin akka guddatu tattaaffii taasifamaa jiru cimsuu eeruun, buufanni poolisii ismaartii Itiyoophiyaa jalqabaa guyyoota muraasa keessatti hojii eegala jedhan.
Hojiin yakka ittisuu fi qorannoo poolisii haala mirga namoomaa fi ulfina lammiilee kabaju eeguun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, dandeettiin qorannoo fooransiikii guddachaa akka jirus ibsaniiru.