Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu kuma 32 keessatti Biqiltuun qopheeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu kuma 32 keessatti Biqiltuun qopheeffamaa jira
Amajjii 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu itti biqilu kuma 32tti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan dhaabbatan qophaa’aa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse.
Biiroo Qonnaa Naannichaatti Daarektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti naannichatti sagantaa Ashaara magarisaa fi misooma qabeenya uumamaan raawwatameen omishtummaaf akkasumas eegumsa Naannoof qooda olaanaa gumaachaa jira.
Sagantaa Ashaara Magariisaan lafti miidhamanii fi manca’an akka bayyanatan, haroowwan goganii fi lageen akka misooman taassisuu ibsaniiru.
Baatiiwwan bonaa qabaman buufatalee biqiltuu kuma 32tti biqiltuuwan Diinagdeef, Soorataaf,Uwwisa bosonaaf fi miidhaginaaf oolan qopheessuun hojjetamaa jirachuu dubbataniiru.
Buufataalee Biqiltuuwwan biqilchan cinaatti Qonnaan bultoonni Naannichaas qophii Biqiltuu keesaatti hirmmaachaa jiraachuu dubbataniiru.
Naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa Gannaaf Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa muduraalee, Bosonaaf, Misooma biyyee fi Miidhaginaaf kan oolan dhibbentaa 60 kan haguugan yoo ta’u, kan hafe dhibbentaa 40 uwwisa bosonaaf kan oolan ta’uu ibsaniiru.
Ganna darbe biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa lakkoofsa marsaa jalqabaa gaggeeffameen dhibbentaa 90 ol qabachuusaa eeraniiru.