Tamsaasa Kallatti:

Ijaarsi Seenessa waloo meeshaa walooma ummataa cimsu abdii boruu kan ijaarudha

 

Amajjii 4/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo cabinsa suphuun walooma hawaasaa kan cimsu abdii booruu ijaaruuf meeshaa murteessaa ta’uu hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa ibsan.

Itiyoophiyaatti konfiraansiin seenessa biyyoolessaa waloo bocuuf Kaayyeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuu eegaleera.


 

Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa wayita sana akka ibsanitti, Ijaarsi seenessa waloo tokkummaa fi walooma ummataa kan cimsu meeshaa abdii egeree ijaarudha.

Seenessi qoqqoodinsaa ijaarsa mootummaaf gufuu ta’uu eeruun, seenessa waloo ijaaruun bu’uura mootummaa cimaa akka jabeessu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Ijaarsi seenessa waloo cabinsa Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaa suphuun waloomaa fi fayyadamummaa hunda galeessa lammiileef carraa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis mootummaa Ida’amuun ijaarsi seenessa waloo Itiyoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaa lammiileen badhaate ijaaruuf hojiin milkaa’inaa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Seenessa waloo fulla’aa imaammataan deeggaruun dhimma murteessaa xiyyeeffannoon itti kenname ta’uu hubachiisaniiru.

Seenessa waloo bu’uura cimaarratti hundeessuuf tattaaffii taassifamu keessatti Hayyoonnii fi qaamoleen qooda fudhattootaa shoorasaanii akka bahan dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Yunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa ijaarse seenessa waloo hammataan ijaarsa mootummaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.

Fuuldurattis Ijaarsa seenessa waloo hammataa Itiyoophiyaanotaa taasifamu keessatti dhimmoota ijoorratti walii galtee uumuuf tattaaffii taasifamu keessatti shoorasaanii akka bahan ibsaniiru.

Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015