Bishaan Afrikaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti- Mahaammud Alii Yusuuf - ENA Afaan Oromoo
Bishaan Afrikaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti- Mahaammud Alii Yusuuf
Amajji 4/2018(ENA)–Bishaan damee hunda kan ilaallatu waan ta’eef dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waloo Ardii Afrikaa ta’uu dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan.
Walgahiin Idilee 51ffaa Koreen Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa (PRC) kan nageenya bishaanii Afrikaa irratti xiyyeeffate har’a Waajjira Muummee Gamtichaa Finfinneetti eegaleera.
Walgahichi mata duree Gamtaa Afrikaa bara 2026 “Dhiyeessii Bishaan Itti Fufiinsa Qabuu fi Sirna Qulqullina Nageenyaa Mirkaneessuun; Kaayyoo Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu dha.
Walgahii kana irratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf, itti aanaa dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Ambaasaaddar Saalmaa Maaliikaa Hadaadii, hoggantoonni dhaabbilee gamtaa Afrikaa, Ambaasaaddaroonni fi Dippilomaatonni biyyoota miseensa gamtichaa argamaniiru.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yusuuf walgahiin Gamtaa Afrikaa baranaa dhimma bishaanii irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsaniiru.
Bishaan damee hundaafuu murteessaa fi barbaachisaa ta’uu eeruun, milkaa’inoota galmoota Ardii keenyaaf shoora olaanaa qaba jedhan.
Akkasumas, Bishaan Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (COP30) Biraazil magaalaa Belemitti gaggeeffame ajandaa xiyyeeffannoo argate keessaa tokko ta’uu hubachiisaniiru.
Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa (COP 32) kan Itiyoophiyaan qopheessitu irrattis dhimmi bishaanii ajandaa keessaa tokko akka ta’e ibsaniiru.
Dura taa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii cop32 qopheessuuf filatamuu isheef irra deebiin baga gammaddan kan jedhan yoo ta’u, milkaa’ina yaa’ichaaf Gamtichi deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsaniiru.
Walgahiin kun wixinee ajandaawwan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa Guraandhala 4 fi 5, bara 2018 gaggeeffamuuf, akkasumas Yaa’ii Hooggantoota Biyyoota Gamtichaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 gaggeeffamuuf jiru irratti ni mari’ata jedhameetu eegama.