Tamsaasa Kallatti:

Walakkaa waggaa jalqabaatti omishni misooma shayii toonii Miiliyoona 4 tuqaa 8 ol walitti qabame

Amajjii 4/2018(ENA)- Walakkaa wagga barabaajatichaatti shaayii Dureeyyii fi Qonnaan bultootaan misoomerraa omishni toonii 4 tuqaa 854 walitti qabamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksiseera.

Lafti hektaarri kuma 6 fi 396 dureeyyii fi qonnaan bultootaan misooma shayiin misoomuu Abbaa Taayitichaatti Hojii gaggeessaa olaanaan Misooma Bunaa, Shayii fi Mi’eessituuwwanii Obbo Fiqaaduu Dafarris ENA’f ibsaniiru.

Walii gala kan misoome keessaa yeroo ammaa omisha kan kenne hektaara Kuma 4 fi 936 ta’uu dubbataniiru.

Kanarraas bara baajataa walakkaa xumurame kanatti misoomni shaayii toonii 4 tuqaa 854 walitti qabamuu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoo hanga ammaa jiruu fi adda baheen Itiyoophiyaatti misooma baala shaayiif mijataa ta’e lafti hektaara miiliyoona 6 ol ta’u jiraachuu ibsaniiiru.

Haalaa Humna misooma jiruun kan misoomaa jiru xiqqaa ta’uu, kaasuun damichaan gara fuula duraatti caalaatti fooyya’e hojjechuuf mootummaan xiyyeeffannoo kennuu beeksisaniiru.

Baalli shayii Itiyoophiyaa gara biyyoota adda addaatti erguun fedhii sharafa Alaa biyyattii akka deeggaru kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015