Qabeenya uumamaa eeguun dhaloota dhufuuf dabarsuun Itti gaafatamummaa dhaloota ammaati - ENA Afaan Oromoo
Qabeenya uumamaa eeguun dhaloota dhufuuf dabarsuun Itti gaafatamummaa dhaloota ammaati
Amajjii 4/2018(ENA)- Qabeenya Uumamaa eeguun, kunuunsuu fi sirnaan itti fayyadamuun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa beeksise.
Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa hojii misooma kunuunsa qabeenya uumamaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisuun miidiyaaleef hara’a ibsa kenneera.
Itti Gaaftamaan Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita sana akka jedhanitti, naannichatti bara kana suluulawwan kuma 6 fi 386 lafa hektara miiliyoona 3 tuqaa 2 hojiin misooma qabeenya uumamaa ni hojjetama jedhaniiru.
Mata duree “misoomni, kunuunsii fi eegumsi naannoo, bayyanachuu biyyaaf” jedhuun misoomni sululaa bara kanaa Amajjii 5 bara 2018 eegalee guyyoota itti fufan 60f kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun, kunuunsuunii fi sirnaan eeguun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu ibsaniiru.
Milkaa’ina hojii misoomichaaf haal-dureen qophii hojii fi leenjiin ogeessaa gaggeeffamuu ibsaniiru.
Naannichatti waggoottan darban hojiiwwan misooma sululaa fi Ashaaraa magariisaa dhaabbii biqiltuun hojjetamaniin hangi bosona naannichaa dabaluu ibsaniiru.
Hojiin eegumsaa fi Kunuunsa qabeenya uumamaa bara kanaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti guyyaa boruu hoggantoonni hojii olaanoo Naannoo fi Hawaasni bakka argamanitti Godina Buunnoo Beddelleetti eegala.