Seenessa waloo ijaaruun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sab-daneessummaaf murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan - ENA Afaan Oromoo
Seenessa waloo ijaaruun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sab-daneessummaaf murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan
Amajjii 4/2018(ENA) - Seenessa waloo qabaachuun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sabootaa fi sablammootaaf murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan.
Itiyoophiyaatti konfiraansiin biyyoolessaa Seenessa waloo qabaachuu irratti kan xiyyeeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeefamuu eegaleera.
Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idiriis wayita sana haasaa taassisaniin, seenessi waloo hanqinoota jiran kan walitti araarsu, hedduummina keessatti duudhaawwan tokkummaa jiru dagaagsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Seenessa waloo ijaaruun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sab-daneessummaaf murteessaa ta’uu kan eeran Ministiirichi, yaadonnii fi seenessi qeenxeen saba adda qoodan dhabamsiifamuu akka qaban ibsaniiru.
Itiyoophiyaan tokkummaa sab-daneessummaan imala olka’insaa eegaluushee ibsuun, dhaloota seenessa waloon bocuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Kanaafis qaamoleen qooda fudhattootaa hundi seenessa waloo ijaaruuf qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.
Walii galtee biyyoolessaa dagaagsuuf amma yeroo sirriidha kan jedhan Ministirichi, adeemsa Marii Biyyoolessaa sirnaan fayyadamuunii fi yaada karaa qaroomeen dhiheessuun bu’aa qabeessummaasaaf tumsuun akka barbaachisu eeraniiru.
Seenaa irraa barachuuf qofa fayyadamuun barbaachisaa dha kan jedhan obbo Mahaammad, seenaa kaleessaarraa duudhaa seenaa barsiisaa ta’an fudhachuun har’as ida’amnee seenaa caalu hojjechuu qabna jedhaniiru.
Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.