Sararri elektirikaa meetira 600 dheeratu Haroo Abijaataa irratti diriirfame - ENA Afaan Oromoo
Sararri elektirikaa meetira 600 dheeratu Haroo Abijaataa irratti diriirfame
Amajji 4/2018 (ENA) - Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa addaan ciccituu humna ibsaa industirii oomishaa mudate hambisuuf sararri humna ibsaa meetira 600 dheeratu Haroo Abijataa irratti diriirfamuu beeksise.
Diriirfamuun sarara kanaa kan raawwatame Haroo Abijaataa irraa soodaa aashii baasee dhaabbilee oomishtoota qaruuraa, huccuu, burcuqqoo fi dhaabbilee wantoota qulqullinaaf oolan oomishaniif kan dhiheessu waldaa Aksiyoonaa Abijaataa Shaalaaf ta’uun ibsameera.
Industiriin oomishaa akka ibsetti, sababa bishaan garmalee guutamuun Haroo Abijataatti utubaawwan elektirikaa kufanii buufanni to’annoo humnaa lolaadhaan guutamee dhiyeessiin ibsaa guutummaatti addaan cite ture.
Odeeffannoon dhaabbatichi ENAf erge akka agarsiisutti, haala uumamaa naannoo sanaa irraan kan ka’e utubaan elektirikaa lafti isaa soogidda waan qabuuf nyaatamuun qilleensaan kukkufaa ture. Kanaanis yeroo hedduu suphaa turuu ibseera.
Kanaaf Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa utubaan kun lafarra osoo hin taane bishaan keessa akka dhaabbatu taasisuun industirichi humna addaan hin cinne argachuun hojii oomishaa akka raawwatu taasiseera.
Industirichaaf dhiyeessii humna ibsaa addaan hin cinne dhiyeessuunii fi hojiitti akka deebi’u taasisuu bira darbee naannoo sanatti abbootiin warraa 150 ta’an humna ibsaa argachuu akka danda’anis himameera.