Walgahiin Idilee Koree Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa kan nageenya bishaanii Afrikaa irratti xiyyeeffate har’a eegala - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin Idilee Koree Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa kan nageenya bishaanii Afrikaa irratti xiyyeeffate har’a eegala
Amajji 4/2018(ENA) - Walgahiin Idilee 51ffaa Koreen Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa (PRC) kan nageenya bishaanii Afrikaa irratti xiyyeeffate har’a Waajjira Muummee Gamtichaa Finfinneetti ni eegala.
Walgahichi mata duree Gamtaa Afrikaa bara 2026 “Dhiyeessii Bishaan Itti Fufiinsa Qabuu fi Sirna Qulqullina Nageenyaa Mirkaneessuun; Kaayyoo Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.
Mata dureen marii baranaa nageenya bishaan Afrikaa fi qulqullina isaa eeguu jedhu irratti xiyyeeffateera.
Walgahii kana irratti hoggantoonni dhaabbilee gamtaa Afrikaa, ambaasaaddaroonni fi dippilomaatonni biyyoota miseensa gamtichaa akka hirmaatan odeeffannoon ENAn gamticharraa argate ni mul’isa.
Walgahiin kun wixinee ajandaawwan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa Guraandhala 4 fi 5, 2018 gaggeeffamuuf, akkasumas Yaa’ii Hooggantoota Biyyoota Gamtichaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8, 2018 gaggeeffamuuf jiru irratti ni mari’ata jedhamee eegama.
Dabalataanis, koreen kun gabaasa raawwii hojii dhaabbilee adda addaa Gamtaa Afrikaa jala jiran, akkasumas walgahii Gamtichi akka lakkoofsa Faranjootaa bara 2025 gaggeesse ni gamaaggama.
Akkasumas, Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa dabalatee sanadoota teeknikaa nageenyaa fi tagabbii, walitti hidhaminsa dinagdee, haaromsa dhaabbilee fi karoora faayinaansii ni qopheessa.
Koreen kun mata duree marii ijoo Gamtaa Afrikaa bara 2026 irratti yaada ni kenna jedhamee eegama.
Walgahiin Koree Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa 51ffaan hanga Amajji 22/2018tti kan turu ta’a.