Tamsaasa Kallatti:

Deeggarsa Itiyoophiyaan Godaantotaaf taasistu kutannoo cimaa qabaachuu agarsiisa

Amajjii 4/2018(ENA)- Deeggarsi Itiyoophiyaan wayita deeggarsi namoomaa hir’ate kanatti taassisaa jirtu kutannoo siyaasaa cimaa qabdu akka argisiisu Dhaabbata Motummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaan dhimma baqattootaa beeksise.

Hawaasni Idil Addunyaa deeggarsa Godaantotaaf taassisu akka itti fufsiisu waamicha dhiheessaniiru.

Komishinara olaanaa dhimmoota godaantotaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UNHCR)tti bakka buutuun Itiyoophiyaa Ayisaatuu Nidaayee, Itiyoophiyaan baqattootaa fi kooluu galtoota miiliyoona 1 ol keessummeessuushee eeranii, akkasumas lammiilee qe’eesaaniirra buqqa’aniif deeggarsa taasisaa akka jirtu turtii ENA waliin tassisaaniin ibsaniiru.

Dandeettiin dhaabbatummaa Tajaajilla Godaantotaa fi godaansaa deebi’anii sirna eebii’uu godaantotaa biyyoolessaa keessatti utubaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajilichi eegumsa godaantotaa, deggarsa namoomaa fi lammiilee buqqa’aniif furmaata yeroo dheeraa barbaaduun qooda olanaa bahaa jira jedhaniiru.

Godaantotaa fi buqqaatota keessaa dubartoonnii fi daa’imman qooda olaanaa akka qabatan ibsuun, Hawaasni Idil-Addunyaa deeggarsa akka taasisu waamicha dhiheessaniiru.

Gama biroon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishinarri olaanaan dhimma Baqattootaa(UNHCR) Mootummaa Itiyoophiyaarraa, Naannooleerraa, fi hawaasa simatan waliin dhimma godaantotaarratti deebii qindaa’aa fi bu’aa qabeessa akka kennuuf tumsaan hojjechaa jira jedhaniiru.

UNHCR hariiroo tarsiimo’aa Itiyoophiyaa waliin qabdu wal- Amantaarratti, itti gaafatamumma fi mul’ata waloo haala gidduugaleeffateen furmaata waaraa fiduuf ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Godaantota eeguun, bakka buufataa qopheessuun, deeggarsa hatattamaa taassisuunii fi furmaata waaraa kennuun humna cimaa akka qabaataniif hojii hojjechaa jirtu dinqiisiifataniiru.

Itiyoophiyaan sadarkaa Addunyaatti walitti bu’insi yeroo hedduummatee fi deeggarsi namoomaa yeroo hir’ataa jirutti godaantotaaf balbala bantee keessummeessuun kutannoo siyaasaa fi hoggansaa cimaa qabdu argisiisuushee ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti Biiroon UNHCR bakka buufataa qopheessuu fi lammiileen of akka danda’ani gochuu dabalatee deeggarsoota adda addaa akka taassisu eeraniiru.

Humna biyyoolessaa cimsuu fi godaantonni hawaasa waliin makamanii akka jiraatan gochuun godaantotaa fi hawaasa simataniif faayidaa waloo argamsiisuurratti shoora murteessaa akka taphatan dubbataniiru.

Godaantotaafi buqqaatota hunda hirmaachisuuf hojmaatni qindaa’aan akka hordofan Nidaayeen hubachiisaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishineerri Olaanaan (UNHCR) fi Mootummaan Itiyoophiyaa A.L.A bara 1966 eegalee dhimma godaantotaa fi buqqaatotaarratti tumsaan hojjechaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015