Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaa’eera.

Amajji 3/2018(ENA) - Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera jedhani hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Walqixxee.

Tarsiimichi yeroo dhiyootti kan ifoome Dijitaala 2030 hojiirra oolchuuf akka galtee guddatti gargaara jechuun ibsani hayyoonni kunniin.

Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi ariifachiisuuf hojiin dameelee ammayyeessuu Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 eegaluun isaa ni yaadatama.

Hayyoonni kunniin ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera.

Yunivarsiitichatti barsiisaa sooftiweerii injinariingii kan ta’an Balaay Alaamnee akka jedhanitti, teknooloojiin dijitaalaa damee qonnaa, fayyaa, barnootaa fi faayinaansii irratti jijjiirama qabatamaa fi faayidaa olaanaa fideera.

Tekinooloojiin kuni haala kenniinsa barnootaa fooyyessuun yeroo fi iddoon osoo nama hin daangessiin oonlaayiniin barachuun danda’ameera jedhani.

Teekinooloojiin deeggaramuun, haalli kenniinsa qormaataas kan fooyya’eefi nageenyummaan isaas kan eegame ta’uu ibsaniiru.

Yunivarsiitii Walqixxeetti barsiisaa Nageenya Saayibarii Neetworkiingii kan ta’an barsiisaa Wandasan Zinnaa gama isaaniitiin, Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 barattootaaf barnoota qabatamaa nageenya saayibarii irratti kennuu fi beekumsa gahaa kennuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan.

Barnoota qulqullina qabu kennuufis Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa bahateera waan ta’eef milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030f bu’uura ta’uu akka danda’us ibsaniiru.

Akka ibsa barsiisaa kanaatti, tekinooloojiin Dijitaalaa kuni akka biyyaatti maallaqa seera malee sosocho’u to’achuurra darbee hannaa fi gowomsaa hambisuuf ni gargaara.

Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 kan hunda hammatee fi dhaqqabamaa taasisuuf, dameelee hundaan hojiileenii fi tajaajiloonni kennaman teeknooloojiidhaan akka kennamanii fi  ariifachiifaman hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015