Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaati

Amajji 3/2018(ENA) -Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaalessaa ta’ee itti fufa jechuun hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa adda addaa ibsaniiru.

Baroota dheeraaf ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan sababni isaa iftoominaan kan hin beekamneen ulaa galaanaa ishee dhabuun sirrii akka hin taane eeraniiru.

Yeroo ammaa kanatti gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa uummata biyya miliyoona 120 qabduuf akka seensa daldala al ergiifi galchii gofaaf kan fayyadu osoo hin taanee dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaalessaa ta’ee abdiidhaan gaafatamaa jira.

Dhimma kana irratti ENAn hoggantoota morkattoota paartiilee siyaasaa gaafateen dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaa ta’uu eeruun, gaaffiin kuni gaaffii dhalootaa ta’uu dubbatani.

 Haalli Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabde dhimma uummataaf ifa hin taanee fi gaabbii kan namatti uumu ta’uu kan yaadachiisan obbo Damissee Sukkaaree miseensa Koree Giddugaleessaa Paartii Sochii Bilisummaa Sidaamaa dha.

Ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan maal na dhibdeen kan irraa mulqame deeffachuuf gaaffiin gaafatamaa jiru gaaffii sirrii fi fudhatama qabu, deebii barbaadu kan dhalootaa ta’aa dhufuu ibsaniiru.

Dhimma biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa irratti dhaloonni faallaa kanaa dhaabbatu akka hin jirre eeruun paartiin isaaniis deeggarsa barbaachisu hunda kennuuf ijjannoo cimaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota dhaabbilee Paartii Dimookiraatawa Hawaasummaa Itiyoophiyaa Ballaxaa Sigeeboo akka jedhanitti, dhimmi buufata galaanaa uummata duratti ka’uu qofa osoo hin taane, hawaasa idil addunyaa birattis dhiyaate kunis milkaa’ina dippilomaasii guddaa ta’uu ibsaniiru.Gaaffiin kuni deebii sirrii hanga argatutti dhaloonni cimee hojjechuu qaba jedhan.

Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Sidaamaatti itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimookiraatawaa Tasfaayee Eermiyaas dhimmi abbummaa ulaa galaanaa dhimma birmadummaabiyyaalessaa waan ta’eef hojiin dippilomaasii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Dhimmi kuni dhimma qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu, akkasumas dhimma birmadummaa biyyaa waan ta’eef deebii argachuun dirqama ta’a jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015