Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad har’a ganama Jibuutii dhaqani

Amajji 3/2018(ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad har'a ganama Jibuutii kan seenan yoo ta'u, Pirezidaantii Ismaa'il Omar Guelleh simannaa taasisaniiruufi.


 

Har'a ganama yeroon Jibuutii gahu Kabajamoo Pirezidaantii Ismaa'eel Omar Guulleehi na simataniiru jedhan doktar Abiyyi Ahimad. Mariin keenya dhimmoota ji’oopoolitikaa, nagaa fi tasgabbii naannoo, akkasumas karaalee tumsa biyyoota lamaanii keenya cimsuu dandeenyu, keessumaa daldala, loojistikii, fi misooma irratti kan xiyyeeffate ture jechuun ibsaniru. Kunis nagaa fi tasgabbii, walitti hidhamiinsa dinagdee fi badhaadhina waliiniif kutannoo waliin qabnu kan calaqqisiisudha jedhani.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015